Seenaa Gaddisaa Hirphasaa

 “Ana fi himataa koo keessaa yakkamaan eenyu?”

Finfinnee, Gaddisaa Hirphasaa Ebla, bara 1980 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa fi lammaffaa Xuqur Incinnii, Gudar fi Jimmaatti barate.Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadamee, muummee Teeknooloojii seenuun barataa Sivil Injineeriingii waggaa 4ffaa ture. 

Simboo-qabeessa, hiriyoota isaafi hawaasa keessatti jaalatamaa akka ture kan himama Gaddisaan. Wayita Yunivarsiitii Finfinnee seenettis barattoota Oromoo Yunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaaffii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo gaafachuurratti gahee guddaa qaba ture.

Gaaddisaan mormii barattoota Oromoo bara 2004 keessatti nama gaaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinnee irratti qabu barattoota biroo waliin falmii gaggeessaa turan keessaa isa tokko. Barattootni Yunivarsiitii Finfinnee 350 ol yaalii mootummaan ADWUI magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansisuuf godhe mormuun gaaffii mirgaa gaafachu isaanin ari’aman keessaa tokko kan ture Gaaddisaan, sababa kanaan qabamee mana hidhaa adda addaa keessatti dararaa guddaa irra gahaa ture. 

Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, Karchalee Finfinnee, booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yunivarsiitii Finfinnee waliin miidhaan hamaa irra gahaa ture. Dararaa Poolisii Federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira itti xaxameen bilbila mobaayila lafa inni ciisu kaa’uun ABOf bilbila jedhame yakkamuun mana hidhaa dukkanaa fi lafa jalaatti achuma Qaallittii qofaa isaatti hidhame torban lamaaf osoo walirraa hin citiin reebamaa ture.

Barreeffamoota hidhamtoota siyaasaa miira isaani ibsachuuf edeeda Maa’ikalaawwii irratti katabanii seenaaf kaayan keessa tokko kan ta’e barreeffama Afaan Amaaraa Gaaddisaan yeroo mana hidhaa Maa’ikalaawwii turetti barreesse, “Ana fi himataa koo keessaa yakkamaan eenyu?” kan jedhu ture.  

Sababa reebicha hamaa irraan gahaa tureen Kaleen isaa miidhamuu mana murtiitti iyyatee ture. Haa ta’u malee, manni murtii furmaata tokko illee hin kennineef, manni hidhaas wal’aansa dhoowwate. Garuu, erga lubbuun keessaa bahuu geessee “fakkeessuuf jecha” mana yaalaa geessan. Yeroo sanitti ammoo Gaaddisaan hedduu miidhamee waan tureef, mana yaalaa gahuus irraa hafuu hin dandeenye. Haala kanaan Bitootessa 28, 2006 ganama Hospitaala Minilikitti osoo wal’aansa osoo hin argatiin hiriyoota isaa harkatti boqote.

Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan kun marsariitii oromedia jedhamu irraa qindaa’e

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.