Addi Bilisummaa Oromoo Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ilaalchisuun Ibsa baase

 Finfinnee, Guyyaa yaadannoo gootota wareegamtoota Oromoo yaadachuun jalqabame bara 1980 baatii Eblaa Wareegaman sababeeffachuun kan jedhe ibsichi guyyichi erga kabajamuu eegalee bara kana 2022  Ganna 37 ffaa ta’uu ibse. 

Bara 1985  irraa eegalee Guyyaan Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo tahuudhaan bara baraan miseensota, deegartoota dhaabaa fi Ummata Oromoo bal’aa alaa fi keessa jiru dabalatee firoottan qabsoo keenyaan yaadatamee fi kabajamee akka guyyaa yaadannoo biyyaalessaa (National day) tti fudhatamee yaadatamaara jira jedhe ibsi ABO. 

Ibsa Guutuu

Biyyootni fi Sabootni Addunyaa kana irra jiran gootota seenaa biyyaa fi saba isaaniif waan jajjabduu hojjatan qabu. Gootonni biyya isaaniif  wareegaman wareegama qaamaa qalbii baasuun, qabeenya, humna, beekumsaa fi lubbuu takkattii jijjiirraa hin  qabne baasuun  dhiigaa fi lafee isaaniin Bilisummaa Sabaa, Walabummaa fi Birmadummaa daangaa biyya isaanii eeguun kabajaa bara baraa saba isaaniitti gonfu. Kanaafis gootonni isaanii wabii sabaa fi gaachana biyyaati jechuun kabajaa fi ulfina isaaniin malu kennuufiin bara baraan yaadatu. Guyyaa yaadannoo kanas guyyaa goototaa jechuun yaamu.

Seenaa ummata keenyaa keessattis, akkuma biyya lafaa kamiittuu Ummanni Oromoos erga sirnoota cunqursaa fi hacuuccaa dhufaa lufaa  jalatti kufe kaasee, gootota ilmaan isaa cunqursaa alagaa saba isaa irraa kaasuun bilisummaa  sabaa, Walabummaa biyyaa, mirgaa abbaa biyyummaa fi haqa ummata isaaf  qabsaawaa turan dirree qabsoottii, manneen hidhaa sirnoota cunqursitootaa fi mana jireenyaa isaanii keessatti kumii kitiliin wareegaman qaba. Sirnoota Atsotaa dhufaa darbaa irraa kaasee hanga har’a Oromoon gootota ilmaan isaa bilisummaa fi walabummaaf aarsaa ta’an kumii kitiliin dhabe.

     Gootonni ilamaan Oromoo yeroo hidhannoo sammuu fi muldhii qixxaataa ta’e hin qabaatin sanattis roorroo alagaa of irraa qolachuun kabajaa sabaa fi biyya isaanii eegsisuuf jecha, naannoo naannoo isaaniitti wareegama ulfaataa baasuun gootummaan wareegamaniiru. Akka fakkeenyaatti, wareegama ilmaan Warqituu Walloo irratti baasan, Sochii qonnaan bultoota Baddaa Baalee, Sochii Waldaa Macaa fi Tuulamaa kaasuun ni danda’ama.

Sochii Bilisummaa fi Walabummaaf gaggeeffamaa ture kesssaa erga Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhalatee asis gootonni hedduun dhaaba kana jalatti hiruuruun falmaa hadhaawaa gaggeessaa wareegaman hedduu dha; ammas wareegamaa jiru. Jaallan bara 1980 Shiftaa Sumaaleen Shinniggatti dhuman, jaallan dirree dhihaatti bara 1981 Summii diinaan dhumanii HD-ABO har’aa keessaa hafe, Fincila Diddaa gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa irratti Qarree fi Qeerroon Oromoo jumlaan wareegaman dabalatee ummata nagahaa yeroo dhihoo mana waliin gubamanii fi manneen hidhaa gara garaa keessaa baasuun ajjessan kaasuun ni danda’ama.

   Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n guyyaan gootota wareegamtoota Oromoo akka yadatamuuf yeroo labsutti, ilmaan Oromoo Bilisumma, Walabummaa, Dimokiraasii fi haqa ummataaf osoo qabsaawanii dirree fi iddoo heddutti diinaan aarsaa ta’anii fi manneen hidhaa keessatti hiraarsa diinaan lubbuu dhaban yaadachuni. Ummatni Oromoo wareegama Goototni ilmaan isaa Bilisummaaf baasan akka Sabaatti beekee fi ulfina malu kenneefii bara baraan akka yaadatuuf ta’e.

    Akka kanaan, Guyyaa yaadannoo gootota wareegamtoota Oromoo yaadachuun jalqabame bara 1980 baatii Eblaa Wareegaman sababeeffachuun, GGO akka yaadatamuuf koreen Gidduu yeroo sanaan bara 1984 murtaawe, bara 1985 irraa kabajuun eegalame. GGO bara kana 2022 kan kabajamu Ganna 37 ffaa dha. Yeroo sana irraa eegalee Guyyaan Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo tahuudhaan bara baraan miseensota, deegartoota dhaabaa fi Ummata Oromoo bal’aa alaa fi keessa jiru dabalatee firoottan qabsoo keenyaan yaadatamee fi kabajamee akka guyyaa yaadannoo biyyaalessaa (National day) tti fudhatamee yaadatamaara.

   Ebli 15 akka Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahu kan filatameef sababa gahaa qaba; innis  Ebla 15, bara 1980tti Goototni ilmaan Oromoo kanneen Adda Bilisummaa Oromoo bu’uuressuu fi hoogganuu, akkasumas, Dirree Qabsoo Hidhannoo saaquu fi Waraana Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu keessatti qooda ol’aanaa qabaachaa turan (Hayyu-Duree fi Itti Aanaa HD dabalatee) fi qondaalotni waraanaa fi dabballootni gameeyyiin kan keessatti argaman namootni 10 dirqama qabsoo ol’aanaadhaaf osoo amna irra jiranii bakka fi yeroo tokkichatti Oromoof jennee tokko taanee baanee, maqaa amantaan gargar hin baanu jechuun seenaa ifaa fi mul’ataa hojjatanii Shiftaa Sumaaleen iddoo Shinnigga jedhamutti boolla tokkotti wareegaman. Guyyaan yaadannoo kun akka kanaan eegale.

Guyyaa kana yeroo kabanyutti ilmaan Oromoo Bilisummaa saba isaaniif wareegaman hunda yaadachaa, irbuu keenya guyyaa itti haaromfannuu dha. Bara kana, guyyaa goototaa wareegamtoota Oromoo (Ebla 15 2022) oggaa kabajannutti haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan Goototni keenya itti wareegamaa asiin gahanii fi har’as itti wareegamaa jiran wal qabsiisun ta’a.

  Akka kanaan, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n bu’uureffamuu isaa irraa eegalee hanga har’aatti kan qabsaawaa turee fi jiruuf, gaaffii hundee /bu’uuraa ummata Oromoo deebisuun Oromoon akka sabaatti, sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessaa Lammiilee Oromiyaa waliin ta’uun Bilisummaa isaa gonfachuun, mirga abbaa buyyummaa isaa kabajachuun, nagahaa fi tasgabbiin qe’ee isaa irratti abbaa ta’ee olla isaa waliin ngaa fi jalaala qabaatuu irratti hojjachaa akka jiraatuufi.

   Qabsoo hadhooftuu fi wareegama ulfaataa qaamaa qalbii ummanni keenya baaseen, jijjiramatuu dhufaan ummata keenya keesaatti Qabsoo karaa nagahaa gaggeessuuf bara 2018 biyyatti gallus, haalli walii galtee ABO fi EPRDF murna mootummaatiin biyya bulchaa jiruun takaalamuun danqaa fi danqaraa nutti ta’ee akka barbaannetti ummata keenya kesssa sochoonee hojii siyaasaa hojjachuun hafee, deeggartoota, miseensota, Qondaalotaa fi Hooganoota ABO hanga hooggana mataa Dhaabaa HD- ABO tti ejjannoo siyaasa isaanii qofaan sochii dhoowwuun korkodanii hidhanii bira taa’u.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Boordii filannoo Biyyoolessaa Itophiyaatti galmaayee waraqaa seeraa argatee akka jaarmiyaa siyaasaa karaa nagahaan qabsaawuu tokkotti mirga bilisaan biyyattii keessa socho’uu osoo qabuu, murni biyya bulchu bu’uura heera biyyattii diiguun jaarmiyaa keenya irratti duula gaggeesseeraa;  ummanni keenya kana hubachuun, guyyatti yakka namoomaa hojjatamaa jiru hubachuun  dhaaba isaaf tika gochaa qabsoo finiisuun bilisummaa isaaf of ijaaree falmachuu itti fufee jira.

Yaadannoo guyyaa gootota Wareegamtoota Oromoo yeroo yaadannu kanatti, Waajjira mataa keenyaa (Waajjira ABO) humnaan irraa dhoowwamne keesaatti ifatti ummata keenya waliin kabajachuu dadhabnus, ummanni keenya mana mana isaa fi iddoo isaaf aanjatu keesaatti tuta tutaan gootota isaa bilisummaaf wareegaman akka yaadatu dhaamna. Kanumaan waliin jaallan keenya manneen hidhaa biyyatti garaagaraa kessaatti korkodamanii hidhaman haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti guyyaa kanaan baga geessan; baga walumaan geenye jechuu feena.

Maayii irraatti, ummanni keenya keessaa fi alaan jirtu QBO gootonni wareegamtoonni Oromoo ofii aarsaa ta’uun imaanaa sitti kennan galiin gahuuf qooda qabsoo gosa kamiituu siirraa eeggamu babachuun wareegama jaallanii fi ilmaan Oromoo Kumii kitiliin itti wareegamanii yeroon xumura itti gootu ammaan dhaamsa maayiiti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.