Oduu: Mootummaan Federaalaa Jiraattonni Tigraay Naannoo Meeshaa Waraanaa,Bakka Leenjii Waraanaa Irraa Akka Fagaatan Waamicha Dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 26/2022- Mootummaan  Federaalaa ibsa har’a baaseen jiraattonni Tigraay iddoo  meeshaan waraanaa kuufame, leenjii waraanaa irraa akka fagaatan gorseera.

Ibsichi mootummaan nageenyaaf “balbala banaa” ta’us humnoonni Tigiraay haleellaa itti fufanii jiru jechuun himateera.Kanaafuu, mootummaan haalduree tokko malee marii akka taa’u waamichi dhiyeesse akkuma jirutti, “humnoota waraanaa madda miira farra nageenyaa wayyaanee ta’an irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii ni fudhata.” jedhe. 

“Ummanni keenya naannoo Tigraay jiraatu,naannoo meeshaaleen waraanaa fi bakki leenjii wayyaanee itti argamu irraa akka fagaatu” waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.