Oduu: “tooftaadhaan daldala Jimaa keessaa dhiibamaa jirra”- Daldaltoota,Qonnaan bultoota Jimaa Harargee

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Hagayya 27/2022 – Qonnaan bultonni fi daldaltoonni  jimaa Harargee mootummaan karaa ejansiiwwan mataa isaatiin gabaa al ergii Jimaa keessa galuu isaatiin toftaadhaan gabaa Jimaa keessaa akka baanuu taaasifamaa jirra jechuun komatan.

Daldaltoonni Addis Standard dubbise qaamoleen seeraan ala gabaa jimaa to’atanii fi mootummaan namoota isaa gabaa jimaa keessa waan galfatee, sababa kanaanis danqaalee hedduu uumamaa waan jiraniif daldaltootni waggaan lamaan dura waldaa Biiftuu Bahaa Oromiyaa jedhamuun gurmaa’anii gara hojiitti seenanii turan gabaa jimaa keessaa toftaadhaan baafamaa jirra jedhan.

Maddi odeeffannoo Addis Standard maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka himetti, dhiibbaa daldaltootni seeraan alaa namoota caasaa mootummaa keessa jiraniin deeggaraman gochaa jiraniin qonnaan bultoota fi daldaltoota waldaa Biiftuu Bahaa Oromiyaa jedhamu jalatti ijaaraman gabaa keessaa baafamaa akka jiran hime. 

“Jalqabuma irraa kaasee qonnaan bulaan daldala jimaa kanaan fayyadamaa ta’aa hin turre. Amma ammoo qonnaan bultoota gurmaa’anii daldala jimaa keessa seenanii jiran irratti dhiibbaa garaagaraatu irra gahaa. Daldaltoota seeraan ala gabaa jimaa kana to’ataa jiran oomisha jimaa duraan dolaara kudhaniin gara biyya alaatti ergamaa ture gara dolaara shanitti gadi deebisuun fayyadamummaa qonnaan bultoota dhabamsiisuun gabaa keessaa akka bahan gochaa jiru. Jarri kun gatii jimaa kiiloo tokko gara dolaara shanitti akka gadi bu’uu taasisuun, isaan erga biyyaa bahee booda dolaara 20 fi 30n gurgurachaa mootummaatti ammoo akka dolaara shanitti gurguratan beeksisaa maallaqa hafu seeraan alaa argatu. Haala kanaan gabaa keessa bahee miidhamaa kan jiru qotee bulaan,” jedhe. 

Waldaan Biiftuu Bahaa Oromiyaa “carraa mootummaa naannoo Oromiyaa mijeesseen” waggaa lamaan dura qonnaan bultoota dabalatee daldaltoota 500 oliin kaappitaala birrii miiliyoona 24n kan hundeeffame akka ta’eefi yeroo ammaa kana garuu dhiibbaa garaagaraan gabaa keessaa dhiibamaa akka jiru himan daldaltootni kun. 

Daldalaan miseensa waldaa Biiftuu Bahaa Oromiyaa Kabbadaan [maqaan isaa sababa yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame] yaada Addis Standardiif kenne haala jiru yeroo ibsu, “daldalli jimaa bu’uura jireenya uummata Harargee miiliyoonaan lakkaawwamu haata’uyyuu malee waggoota hedduuf janaraalota mootummaatin qabamee qonnaan bulaan oomisha isaarraa fayyadamaa ta’aa hin turre. Yeroos gaaffiin uummatni kaasaa ture daldala jimaa irratti abbaa ta’u waan ta’eef erga jijjiiramni dhufee booda mootummaaan naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota waldaan gurmaa’anii daldala jimaa keessa akka seenan carraa mijeesseen fayyadame waldaan haal-duree barbaachisu guutuun gara hojiittti seene waldaa keenya qofa ture,” jedhe.

Haata’u malee weerarri Covid-19 erga tasgabbaa’e booda geejjibni xiyyaaraa yeroo jalqabamu waldaan kun oomisha jimaa gara Somaaliyaatti erguuf yeroo tattaaffii gochaa jirutti daldaltoota warraa ‘Suuraa’ kan jedhaman biyya Somaali Laand keessatti waggoota dheeraaf gabaa kana qofaa isaani to’achaa turan gara gabaa keessa seenuun isaani dhiibbaa akka irratti ta’e dubbate. 

“Duraan qonnaan bulaan carraa biraa waan hin qabneef oomisha isaa gatii gadi aanaan daldaltoota humna qabanitti gurguratee isaan ammoo biyyaa baasanii gatii guddaan gurguratu ture. Nuti garuu isa hambisuu qabna, qonnaan bulaa daldala keessaa abbaa ta’e fayyadamu qaba jenne gara hojiitti seenne. Gara Somaaliyaa deemne Pirezdaantii biyyatti duraanii Mohaammad Abdullaahi (Farmaajoo) dubbisnee maamila nurraa fudhatus arganne qarshii duraa dolaara kuma 400 baankii keenya keessa erga galee booda mootummaa Somaaliyaa ammaa irraa eeyyama argachu hin dandeenye. Daldaltootni warra Suuraa jedhaman sun danqaa nutti uumuu jalqaban. Boodarras mootummaa Somaaliyaa ammaa gaaffanne jimaa gara Somaaliyaa ergu kan danda’an daldaltoota Somaali Laand ‘Suuraa’ jedhaman qofa ta’uu fi isaan waliin hojjechu akka qabnu nutti himame,” jedhe.    

“Sanuu isaan jimaa kiiloo giraama 1.2 ta’u dolaara kudha shaniin gurguraa mootummaatti ammoo shaniin akka gurgurame waan ibsaniif inni hafe karaa seeraan ala biyyaa bahee hafa. Kun mootummaallee akka miidhu beeksisaa turre. Mootummaanis gara dolaara 10 ol guddisnaan oomisha jimaa san karaa kontrobaandiin biyyaa baasuun gara Somaali Laand fi Jibuutii akka bahu dhiibbaa godhanii gara shanitti akka deebi’u taasisan. Isaan gabaa jimaa qofaatti qabatanii waan jiraniifi carraa waan hin qabneef jimaa isaanitti dhiyeessu itti fufne turre,” kan jedhu daldalaan kun, gatiin al-ergii jimaa gara dolaara shanitti deebi’e guyyaa lammaffaatti dhaabbata daldaltoota ‘Suuraa’ jedhaman irraa xalayaa hojii waliin qaban dhaabu akka barraa’eefi bakka isaanitti dhaabbata Biiftuu Addunyaa jedhamu kan Waldaa Misooma Oromiyaa jala jiru akka bakka buufame hima. 

Yeroo ammaa kana gabaa Moqdiishoo (Somaaliyaa) keessaa “dhiibamanii” bahuun gara Puntlaand irratti xiyyeeffataniis ammallee danqaan biraa akka irratti muudate hime. “Namni biraan kan duraan daldala jimaa keessa hin turre fi amma mootummaan naannoo Oromiyaa gara daldalaatti isa seensise ammoo nuti garasitti xiyyeeffachu keenya ilaale Jimaan duraan Puntlaand keessatti kiiloo 1.2 dolaara 28 gurguramaa ture gara dolaara afuritti gadi deebise. Inni xiyyaara mataa isaa waan qabuuf isaan geejjibsiisaa. Nuti garuu Jimaa xiyyaaraan geejjibsiisuuf kiiloo giraamaan dolaara shan kaffalaa dolaara afuriin gurguraa akkamitti itti fufna? Warreen akka keenya jiran gabaa keessa baasuun Puntlaand keessatti Jimaan baasii oomishaan gaditti gurguramaa jira. Mootummaan waan kana sirritti beeka waan ta’eef atattamaan harka isaa daldala jimaa keessaa baasee warroota seeraan ala miidhaa qonnaan bultoota irratti maallaqa guurrachaa jiran seeratti akka qabsiisu gaafanna,” jedhe.     

Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa oomishni Jimaa galii gaarii akka argamsiisuuf jecha adeemsa gabaa irratti fooyya’insa heddu godhamaa akka jiru beeksise ture. Jijjiiramoota godhaman keessaa gatii oomisha alaa Jimaa irratti daballii taasisuun Amajjii 15 irraa kaasee gatiin Jimaa gara Somaaliyaa ergamu kiiloon tokko dolaara 5 ture irraa gara dolaara 10 akka ol guddatu taasifamuu ibsame ture.

Kana malees, Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa baatii muraasaan dura gaazexaa Kaappitaalitti akka himetti, “Gabaa Jimaa faddaaltotaan qabamee fayyadamummaa oomishtoota hir’isaa ture fooyyeessuun hojjachaa jirra. Fayyadamummaa qonnaan bultootaaf jecha kanneen seeraan ala socho’an moggaatti baasuuf hojjachaa jirra,” jedhe. Akkasumas naannichi gabaa fi oomishtummaa Jimaa jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjachaa akka jiru fi gabaa Jimaa ammayyeessuuf jecha wiirtuulee gabaa Jimaa hundeessaa jiraachu hime ture.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhiinsa Naannawaa ibsa baatii Caamsaa darbe keessa baaseen, dhaabbilee oomisha Jimaa gara biyya alaatti ergan 830 eeyyama daldalaa hin haaromsine fi tajaajila karaa hin malleen fayyadaman dabalatee “gocha seeraan alaa irratti bobba’aniiru” jedhe eeyyama daldalaa isaani haquu beeksise ture. Hordoffii Ministeerichi taasiseen dhaabbilee Jimaa ergan 830 irratti tarkaanfii eeyyama haquu fudhateera. Tarkaanfichi dhaabbilee eeyyama daldalaa gabaa alaa oomisha Jimaa osoo hin haaromsiin hojii oomisha Jimaa gara alaatti ergu irratti bobba’anii argamanii fi kanneen eeyyama daldalaa al-ergii oomisha Jimaa isaanii karaa seeraan ala qaama sadaffaaf dabarsanii laatan dabalata.

Kana malees waltajjii marii rakkoowwan damee daldala Jimaa irratti uumaman furuuf qophaa’e irratti baatii Adoolessa bara kanaa keessatti qofa Jimaa birrii miiliyoona 30 ol baasuu karaa seeraan alaa osoo biyyaa bahaa jiru to’atamu ibsameera. Kana kan jedhe itti gaafatamaa deeskii gabaa alaa qonnaa Balaay Haagos, bara 2009 hanga 2013 (ALI) qofa Jimaa kiiloo giraama 77 ol ta’u osoo kontorbaandiin baafamaa jiru to’atamu ibseera.  AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.