Finfinnee, Hagayya 27/2022 – Daayirektarri Olaanaantuun UNICEF, Kaatriin Raasel, “UNICEF haleellaa qilleensaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqaleetti gaggeeffame cimsee balaaleeffata” jechuun qaamoleen hunduu atattamaan dhukaasa dhaabu irratti akka waliigalan hubachiiste.
Ibsi Daayirektara Olaanaantuu UNICEF irraa kenname kun “haleellichi iddoo oolmaa daa’immanii rukutuun ijoollee hedduu ajjeesee kaan irratti ammoo miidhaa geessiseera” jedhe.
”Ammas, kaaba Itoophiyaa keessatti jeequmsi hammaachuun daa’imman gatii guddaa akka kaffalan taasiseera. Gara waggaa lamatti dhiyaatuuf, daa’immanii fi maatiin isaanii naannichatti argaman dhiphina waldhabdee kanaa arganii jiru. Xumuramuu qaba,” jechuun Kaatriin ibsa kenniteen dubbatteetti.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) oduu miidhaa lubbuu namoota nagaa irra gahe haale. Akka Rooyitarsiitti himetti, oduun kun ”sobaa fi diraamaa” kan jedhe yoo ta’u, aanga’oonni Tigraay ”boorsaa reeffa ittiin baadhatamu gatan” jechuun himataniiru. Akkasumas haleellaan mootummaa dhaabbilee siiviilii rukutuu haaluun iddoowwan waraanaa qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu dubbateera.
Haata’u malee, Daarektarri Olaanaa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Aydar, Piroofeesarri Yaalii Baqaqsanii Hodhuu fi Ogeessa Onnee fi Garaa Kibrom Gabrasillaasee kaleessa akka jedheitti, namoota 13 hospitaalicha seenan keessaa afran isaani durumaanuu du’uu isaanii fi lama daa’imman ta’uu ibseera. ”Miidhamtootni hedduun dhufaa jiru. Hospitaala keenya keessatti hanga ammaatti lakkoofsi waliigalaa namoota miidhaman 13. Isaan keessaa afur du’aniiru (ijoollee lama).” jedhe.
Hospitaala Waliigalaa Aydar keessatti Piroofeesara yaalii baqaqsanii hodhuu fi diinii koolleejjii meedikaala Yuunivarsiitii Maqalee duraanii Faasikaa Amdasillaasee tiwiitara isaa irratti “kutaa balaa tasaa keenya keessatti qoricha fi dhiyeessii barbaachisoo hin qabnu, akkasumas dubartoota fi daa’imman dabalatee miidhamtoota haleellaa qilleensaa dhufaa jiru. Isaan baraaruu hin dandeenyu. Haala kana maal jettu? Maqaa akkamii itti moggaasuu dandeessu?” jedhe.
Faasikaan boodarra Rooyitarsiitti akka himtetti, “haadha tokkoo fi mucaa ishee fi nama biraa eenyummaan isaa hin beekamne” dabalatee lakkoofsi namoota ajjeefaman torba gaheera. Akkasumas kanneen du’an “mucaa naannoo waggaa 10 ta’u, dubartoota lamaa fi dargaggeessa tokko” akka ta’an dubbateera.
Jimaata Hagayya 26 suur-sagaleen bu’aa haleellaa qilleensaa kun erga naanna’uu eegale yeroo muraasa booda, mootummaan federaalaa ibsa baaseen jiraattonni Tigraay naannoo “meeshaaleen waraanaa fi bakka leenjii waraanaa” irraa akka fagaatan waamicha dhiyeessee jira.
Suur-sagaleen miidiyaalee biyya keessaa kan akka Tigraay TV fi Dimtsi Wayyaaneetiin gadhiifame gamoo jijjiigee fi dirree tapha daa’immanii of keessaa qabu, lammiilee nagaa miidhaman namoota gargaarsa jalqabaa kennaniin kunuunfamaa jiran, suuraawwan suukkanneessaa reeffa cicciramee mul’isu ture.
Oduun haleellaa qilleensaa mootummaa federaalaa, raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota qilleensaa hin amanne kun kan raawwatame erga mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay gidduu labsii waraana dhaabuu Bitootessa 24 fi 25 (walduraa duubaan) labsanii turan cabsuun waraanaa deebi’ee eegaluu wal himatanii guyyaa lama boodadha.
Mootummaan federaalaa waraana deebi’ee eegaluun humnoota Tigraay komate. “Gareen shororkeessaa TPLF filannoo nageenyaa mootummaan dhiheesse hunda dhiisuun har’a ganama sa’aatii 11 irraa eegalee gama bahaatiin kallattii Bisoo Bar, Zobil fi Takulash keessatti haleellaa baneera” kan jedhe ibsichi, humnoonni Tigraay “labsii dhukaasa dhaabuu ifatti cabsaniiru,” jedhe.
Ibsi mootummaa federaalaa irraa kenname kun kan bahe erga humnoonni Tigraay ibsa mataa isaanii baasaniin humnoota federaalaa, akkasumas humnoota addaa naannoo Amaaraa, Faannoo Walloo fi milishoonni “har’a ganama sa’aatii 11 irratti kallattii Coobee Bar, Jaanooraa, Yaaloo, Allaamaaxaa, Baalaa fi Bisoo Bariin” haleellaa waraanaa bananiiru jechuun himachu isaani hordofeeti.
Ergasii labsii waraana dhaabuu ji’oota shanan darbaniif godhame “lubbuu hedduu baraaruu fi namoota hedduuf gargaarsa namoomaa bira gahuuf akka dandeessise ta’uus, dhiheenya kana qoccollaa dirree waraanaa, dubbii lolaa, fi dhukaasa dhaabuu yeroo dheeraadhaaf ture cabsuun balaadhaaf kan saaxilu akka ta’e” ibsuun Ameeikaa dabalatee hawaasni idil addunyaa irraa gara marii nagaatti akka deebi’amu waamichi godhamaa tureera. AS