Aadaa Oromoo: Maalummaa Ateetee

Finfinnee,  Caamsaa 03, 2023 – Ateeteen uummata Oromoo gidduutti baay’ee kan beekamu ta’ee, akkuma duudhaalee kaanii dhalootaa gara dhalootatti kan darbudha. Ateeteen sirna dubartoonni Oromoo waaqa ittiin kadhatan akkasumas hawwiif abdii jiruuf jireenya isaanii keessatti qaban ittiin ibsan ta’uu hubachuun nidanda’ama.Kana malees sirni ayyaanni dubartoonni ittiin kabajamaniifi ulfina ittiin argatan ta’uusaa maanguddoonni tokko tokko dubbatu.Ateeteen garuu umuriif saalaan kan daangoftedha.Sirna Ateetee dubartii qofaatu bulfata.Kanarraa ka’uun bakka tokko tokkotti ayyaana dubartii jedhamuun beekama. Dhiirri sirna kabaja Ateetee kanarratti hin hirmaatiin malee waan Ateeteef barbaachisu gama isaatiin guutuun gumaacha isarraa barbaachisu hunda taasisa. Durboonnis ateetee kana akka hinbulfanne dubbatama. Haa ta’u malee isheenis gama isheetiin meeshaalee barbaachisan haadhaaf nidhiyeessiti.

Gosoota Ateetee

Akka Aadaa ateetee Arsii Aanaa dodolaatti ateeteen gosa saditti qoodamti.isaanis:-

✓Ateetee Goraa

✓Ateetee Falaa

✓Ateetee Araaraa

Ateetee Goraa

Akka Aadaa Oromoo Arsiitti Ateetee goraa jechuun yeroo dhiirri karaa Aadaa ala ta’een dubartii dhaane,arrabse,miidhaa fi yakka hin malle irratti raawwate kan bahamuu dha.akkataa kanaan namni dubarttii takka arrabsee ykn dhaane, Arrabni sun irratti mirkanaa’ee argamee nama baleessaa rawwatee san irraa qalatee,nyaatee,dhugdee,uffattee(kuulatee)Eebbiftee araaramtee galti.Faaruu armaan gadis qabdi.

“ Ateetee garbuu daakatuu ee “

“Ima daakataa maa naa waakataa”

‘’Faanoo nageellee faantuu dhageenne’’

“ Laga sheeladaa nu hoolaa hin nyaanuu akka jeedalaa”

“Mirgoo as fidii irraa qeexalaa”

Ateetee Falaa

Bara hoongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaan biyya seene, walumaagalatti yeroo rakkoon jabaan dhalate, gurmuun dubartootaa malkaatti ba’anii Waaqa kadhaan araaraa godhu.Gurmuun dubartootaa siinqee, irreessa fi Aanan ciicootti qabatanii siinqee weeddifachaa malkaa bu’u. Oggaa malkaa ga’an, faaruudhaan Waaqa kadhatu.

Ateetee Araaraa

Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka’ee, namni wal miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu’e, ililfattee, dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana darbaa walii dabarsanii, siinqee qabatanii battalatti walga’u.Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa siinqeedhaaf Aangoo kana kenne faarsu.Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Bakka lolaa sana yoo ga’an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu.Waraana hamaallee yoo ta’e, seera kana bira hin darbu.Battalatti dhaabbata.Siinqeen meeshaa Araaraa “SEERA SIINQEE“Addunyaa kanaaf Aadaa dimokraasii kan beeksise Sirni Gadaa uummanni Oromoo ittiin bulaa ture, mirga namoomaa fi siyaasaa daangaa hin qabne, gonfachiisuu bira dabree, walqixxummaa saalaa mirkaneessuu irrattis mudaa akka hin qabne seenaan ragaa dha. Sirni dimokraasii addunyaaf angafa ta’e kun, walqixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf, seera tumateen mirga dubartootaa kabajuun sirna milkaa’e ta’uu isaa, hambaan Aadaa seera siinqee, gosa Oromoo Arsii keessatti mul’atu dhugaa ba’a.Bara sirni Gadaa sirna siyaasaa ambaatiin bakka buufamee, gosti Oromoo harki caalu dagate kana, Arsii Siikkoo Mandoo fi Utaa Waayyuu seera siinqee hin ganne.Seera siinqee keessatti Aangoon gurmuun dubartootaa qabu laaffatus, kabajaa fi safeeffannaa dubartiin qabdu hin badne, ‘dubartiin wayyooma’ yaada jedhun ibsu.

Mallattoo seera siinqee

Seerri siinqee ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne, waan ta’eef filatama. Siinqee hojjaa/dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru.Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka Aara argatutti suuqu.Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan.Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.Dubartoonni siinqee qabatanii gurmuudhaan sirna hawaasummaa fi Araaraa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Maddi: Kominikeeshinii Aanaa Dodolaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.