Oduu: Amneestiin Itoophiyaa keessatti walabummaan miidiyaa dhiibbaa jala galeera jedhe

Finfinnee,  Caamsaa 03, 2023 – Bara 2022 qofa keessa gaazexeessitoonni 29 ta’an hidhamuu eeruun Itoophiyaatti walabummaan miidiyaa sarbamaa jiraachuu Amneestii Intarnaashinaal ibseera.

Ibsa Roobii Caamsaa 03 dhaabbata miidiya kibba Afrikaa wajjiin ta’uun guyyaa walabummaa miidiyaa idiladdunyaa sababeeffachuun baaseen akka jedhetti, qondaalonni Lixaa fi Kibba Afrikaa gaazexeessitootnni gabaasa malaammaltummaa fi sarbiinsa mirga namoomaa akka hin hojjanneef gochuun haleellaa cimsanii itti fufaniiru jedhe.  

Akka ibsichi jedhutti, sodaachisa, haleellaa, himannaa fi rakkinni adda addaa gaazexeessitootarra gahaa jira. Qondaalonni naannoo Tigraay gaazexeessitoota shan “nyaapha wajjiin tumsuun” yakke hidhuusaa ibsichi addeesseera.

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf mormu riipoortaroota daangaa malee (Reporters without border) jedhamu ibsa baaseen, Itoophiyaa keessati haleellaan gaazexeessitootarratti godhamu bara 2022 wal bira qabanee yoo ilaallu kan bara 2023 dabaleera jedhe.

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu biraa kan committee to Koree Tika Gaaxezeessitootaa ( Committee to Protect Journalists) jedhamu ibsa Ebla 14 baaseen, hokkora dhiyeenya kana Itoophiyaa keessatti ka’ee tureen walqabatee xiqqaatu gaazexeesstoonni saddeet tibbana hiidhamaniiru jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota garee dhoksaadhaan heera biyyattii diiguuf hojjatan wajjiin hidhata qabu jedhe too’annoo jala oolchuusaa addeesseera.

Aanga’oonni lixaa fi kibba Afrikaatti argaman gaazexeessitoota miidhuurraa akka of qusatan ibsi Amneestii kuni waamicha taasiseera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.