Oduu: Gaaffiin sabaa masaraa miti: Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee Caamsaa 17, 2023 – Itti aanaan ministeera Nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa “gaaffiiin sabaa [Oromoo] masaraa miti” jechuun piroojektii ijaarsa masaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa Finfinneetti har’a eegalsiise qeeqeera.

Akka obbo Taayyeen jedhetti, ummaati Oromootiif ijaarsa masaraa caalaa “gaaffii guddaan nagaadha!” jechuun mootummaan naannichaa dhimma nagaa fi tasgabbiitiif xiyyeeffannoo akka laatu gaafateera. “Ummati Oromiyaa hardha nagaa, bulchiinsa gaarii fi diinagdee dhabuun ergarama,” jedheera.

Ummanni Oromoo “gadadoo fi roorroo akkaan hamaa keessa jira,” jechuun rakkoo nageenyaa fi gaaga’ama namoomaa naannoo Oromiyaa keessa jiru ibseera. Rakkoo nageenyaa otuu jiruu masaraa ijaaruurratti xiyyeefachuun “nama busaa dhibameef qoricha sombaa kennuu dha,” jechuun gochaan kuni ummata tuffachuu fakkaata jedheera. Masaraa ijaaruun gaaffii ummanni Oromoo Finfinneerratti qabu hin deebisus jedheera.

Masaraa ijaaruun dansaa ta’us akka hooggansa saba guddaatti gamoo lamaa-sadiin geeraruu dhiisuun xiyyeeffannoon nagaa, bulchiinsa fi diinagdeef haa kennamu. “Gaafii guddaan nagaa dha!”

Yeroo dhiyoo asitti Obbo Taayyeen gaaga’amni nageenyaa Oromiyaa keessa jiraachuu ibsuun rakkoo siyaasaa kun akka furamu irra deddeebiin kaasaa jiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.