Oduu: Mootummaan Ce’umsaa Tigraayii fi ABUT murtee boordiin filannoo ABUT haquuf dabarse morman

Finfinnee Caamsaa 17, 2023 – Mootummaan ce’umsaa Tigraayii fi Addi Bilisummaa Ummaata Tigraay (ABUT) murtee boordiin filannoo Itoophiyaa ABUT haquuf dabarse morman.

Murteen boordichi ABUTiif beekamtii dhoowwachuu fi paartilee siyaasaa biyyattii keessaa haquuf dabarse kuni “kan fudhatama hin qabneedha” jechuun mootummaa ce’umsaa ijaaramee fi waliigaltee waraana dhaabuu mallatteeffameerratti miidhaa geessa jedhame.

Mootummaan Ce’umsaa Tigraay murteen kuni “jiraachuu mootummaa ce’umsaa gaaffii keessa galchuu adeemsa waliigaltee nageenyaa guutuumaan guutuutti kan jeequudha” jechuun qeeqeera. ABUT kan “abbaa waliigaltee nageenyaa” ta’e seerummaa dhowwachuun seeraanis ta’ee siyaasaan fudhatama hin qabu jedheera. Murteen kuni “waliigaltee priitooriyaa” kan diiguudhas jedhe.

Murtee boordiin filannoo biyyaaleessa torban darbe keessa waraana Tigraay sababeeffachuun kan darbe ta’us waraanni dhaabbatee jira jedhan.  

Motummaan ce’umsaa Tigraay kan humnoota Tigraay, hojjattoota mootummaa fi paartii mormitootaa of keessaa qabu murteen boordichi dabarse “waliigaltee naga mallattaa’e hiika dhabsiisa” jedheera. Jiraachuu aanga’oota ABUT kan marichatti hirmaataniis ni waakkata jedhe.

Akkasumas, paartiin ABUT murteen kana kan hin fudhanne ta’uu ibsuun dhimmmicharratti qaamota dhimmi ilaallatu wajjiin mari’adha jedhe..

Murteen ABUT haquu kuni kan raawwatame erga paarlaamaaan biyyattii paarticha tartiiba shororkeessummaa keessa baasee boodadha.

Mootumaan ce’umsaa Tigraay fi ABUT murteen kana akka geedaru ibsa baasaniin boordicha gaafataniiru. Murteen kuni waliigaltee Priitooriyaa kan Gamtaan Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa, mootummoota Gamtoomanii fi mootummoonni biyyota biroo beekamtii kennaniif kana ni cabsa jedhaniiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.