Xiinxala: Duula waraanaa mootummaan cimse itti fufeen lammiileen nagaa ajjeechaa fi haleellaa qilleensaan miidhamaa jiru

Siyaannee Makonniin tiin 

Finfinnee – Naannoo Oromiyaa keessatti ajjeechaa jumlaa fi haleellaa qilleensaa gaggeeffameen namoota nagaa irratti miidhaan akka qaqqabe gabaasaalee mul’isan bahaa jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo ( WBO) fi humnoota finxaaleeyyii irrattti tarkaanfii fudhachuuf waadaa erga galee booda namootni nagaa humnoota mootummaatin haleellamuun itti fufeera. Namootni Addis Standard dubbise akka ibsanitti, hidhattoonni mootummaa waraana hidhannoo mootummaa fi WBO giddutti adeemsifamaa jiruun erga injifatamanii booda haaloo bahuuf tarkaanfii ajjeechaa, saamicha fi manneen gubuu raawwatu. 

Jiraataan Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo tokko “Ajjeechichi kan hogganamaa ture ilma miseensa Poolisii maqaan isaa Kaasaa Rattaa jedhamu fi kan waraana irratti ajjeefameeni” jedhe. “Guyyoota muraasa dura Bustiiloo Dheeraa keessatti humnoota mootummaa fi WBO gidduu waraanni guddaa gaggeeffamaa ture” jechuun kan yaadachiise  Umar (maqaan isaa nageenyaaf jecha kan jijjiirame), “Itti aansuun Aanicha keessatti tarkaanfiin warreen Afaan Oromoo dubbatan irratti fudhatamuu hammaateera, namni Afaan Oromoo dubbatu kamuu WBO waliin walqabsiifame ilaalama” jedhe.  

Namootni sun kan fudhataman sagantaawwan cidhaa garagaraa bakkeewwan lamaanitti gaggeeffaman irraa ta’uu hime, Umar. Akka Umar jedhutti, guyyaa Dilbata, Caamsaa 1, 2022, namootni 3 ganda Jimjimalaa irraa, akkasumas namootni 15 ammoo Wiixata Caamsaa 2 ganda Awwaaree Goljee irraa, walumaagalatti namootni 18 fudhataman. Hidhamtoota kunneen keessaa maanguddootni illee argamu kan jedhe Umar, Milishootan akka fudhataman hima. “Erga qabamanii guyyaa tokko booda ajjeeffaman,” jedhe.

Caamsaa 2, Biiroon Kominikeeshinii Aanaa Warra Jaarsoo miseensota WBO(kan mootummaan shanee jedhee waamu) 18 to’annoo jala oolchu beeksiseera. Biirichi akka beeksiseetti, miseensota 15 ganda Awwaaree Goljee irraa yemmuu ta’an, 3 ammoo ganda Jimjimalaa irraati. Waliigalaan meeshaalee waraanaa 6 to’annoo jala ooluu aanichi beeksiseera.

Namoota 6 meeshaa waraanaa qabatan ala miidhamtootni hundu namoota nagaa hin hidhannee akka ta’an Umar cimsee dubbateera. Bulchiinsi Aanichaa tarkaanfii namoota kana irratti fudhatame ilaalchisee waan dubbate hin jiru. Umar itti dabaluun, “Reeffi namootni ajjeeffaman ammallee hin kaafamne. Maatii kanneen ajjeefaman reeffa kaasuuf yaalan hidhamaniiru. Reeffi boolla keessa jira” jedhe.

Dhuma baatii Ebla darbe keessatti gabaasaalee suukkanneessaa kanaan walfakkaatan Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ada’aa Bargaatti hidhattootni mootummaa tarkaanfii uummata nagaarratti fudhatan ibsan mul’ataniiru. Adam (maqaan isaa nageenyaan jecha jijjiirameera) Addis Standardiif akka himeetti, Ebla 26, 2022, hidhattootni mootummaa guyyaa gabaa irratti dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin maanguddoota dabalatee namootni 20 ajjeefamaniiru. Haleellichi magaalaa Jimaata jedhamutti kan raawwatame yoo ta’u, yeroo namoota gandoota Tulii Dassee fi Booroo, akkasumas ganda Caancoo irraa dhufanii gabaaf sassaabamanitti akka gaggeeffame dubbate, Adam. 

Bulchaan Aanichaa, yeroo lammiilee nagaa hidhannoo hin qabne irratti dhukaasni jalqabamu, manni saamamu, manni gubamuu fi midhaan barbadaa’uu humnootni nageenyaa mootummaa miseensota bulchiinsichaa bakkicharraa akka fageessan gargaaruu hime. “Guyyaa Jimaata namoota 13 bakka tokkotti awwaalaniiru” kan jedhe Adam, guyyaa Sanbata boobbii humnoota nageenyaa itti fufuu fi dargaggoota reeffa fudhachuuf yaalan to’annoo jala oolchu hime. “Kanneen biroos dararaa sodaacha gonda ollaa Boorootti awwaalamaniiru” jedhe.

Haala yeroo Aanaa Ada’aa Bargaa ilaalchisee yeroo dubbatu, “Shororkaa’eera” jedhe. Uummatni sodaa lubbuu irraan kan ka’e gara mana isaanitti deebi’uuf akka sodaatan ibse. “Manneen isaani gubataniiru, qabeenyi barbadaa’eera, bakka itti deebi’an hin qaban” jedhe.

Torban kana keessa Godina Shawaa Lixaa Aanaa biraatti haleellaan dirooniin rukutameera. Jiraataan Abunaa Gindabarat tokko BBC Afaan Oromoof akka dubbateetti, Aanichatti Ebla 22, 2022 haleellaa diroonii gaggeeffameera. “Namootni gara bosonaatti baqachaa jiru. Haleellaa kanaan gara namoota 20 yoo ajjeefaman, namootni 7 ammoo haleellaa kana baqachuuf wayita yaalan boolla keessa seenuun lubbuun isaani darbeera” jedhe.

Jiraataan magaalichaa BBC Afaan Oromoo dubbisaa biroos namootni baay’ee yeroo baqachuuf yalan du’u isaani ibsuun, “Wanti uumame suukkanneessaa ture. Namootni boolla keessa kufanii du’an. Dubartootni shan bosona keessa dahanii nyaatallee argachu hin dandeenye” jedhe.

Paartilee moormitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) haleellaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffamu balaaleeffataniiru. Paartileen lamaanu gochoota suukkanneessaa naannicha keessatti raawwataman tarreessuun paartiin biyya bulchaa jiru uummata Oromoo irratti waraana baneera jechuun himatan.

Jalqaba baatii Bitootessa yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, “yeroo humnootni TPLF gara Finfinnee imalaa turanitti humnootni Shanee waan danda’an godhaniiru. Seera kabachiisuu fi unuun as nu dhaabuuf jecha milishoota, poolisoota fi humnoota addaa jumlaan wareegaman galateeffanna.” jedhe. Diinotni eenyummaan isaani hin beekamne WBOf  meeshaa waraanaa akka dhiyeessan ibsuun, humna nageenyaa cisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiiseera. Dhimmichi karaa waraanaan qofa akka hin hiikamne fi furmaata siyaasaa akka barbaachisuus eereera. 

Pirezidaanti Shimallis “adeemsa riphee loltoota fashaleessuuf qajeelfamni qophaa’eera. Baatilee dhufanitti jijjiirama guddaa akka argannu abdanna” jechuun mana marichaaf mirkaneesse. Bal’inaan osoo hin ibsiin waa’ee deeggarsa mootummaa Federaala irraa godhamaa jirus eereera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.