Oduu: Manni Murtii gaazexeessitoota ONN, miseensota ABO waliin ta’uun Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf yaalaniiru jedhamanii himataman irratti murtii dabarsuufi

Finfinnee – Akkaataa beellama Ebla 17 laatameen, har’a Gaazexeessitoota Biqilaa Amanuu, Dachaasaa Wiirtuu fi Dassuu Duulaa dabalatee himatamtootni 17 galmee Qaasim Abdullaahi jala jiran Mana Murtii Olaanaa Oromiyaa dhiyaataniiru. Manni Murtichi, dhaddacha darbe irratti Abbaan Alangaa ragaa ittisaa garee seeraa himatamtootaan dhiyaateef deebii akka laatuu ajaje ture.   

Miseensa garee seeraa kan ta’e Guddanneen Addis Standardiif akka himetti, waa’ee adeemsa seeraa irratti akkasumas himatamtootni yakka eeraman keessa akkamitti akka hirmaatanii fi akkamiin heera mootummaa akka faalleessan ilaalchisee gaaffii iftoomina dhiyeessu isaani hime.  

Abbaan Alangaa himatamtootni qabatamaan yakka keessa hirmaannaa akka qabaniifi himatichi sirri akka ta’e ibseera, jedhe Guddanneen. Falmii kanaan adeemsi itti aanuu maal akka ta’u kan gaafatame Guddanneen, Manni Murtichaa Caamsaa 12 murtii akka dabarsu Addis Standarditti himeera. Gareen Falmaa Seeraa himatamtoota ittisuuf waliigalteewwan idil addunyaa gaazexeessummaa, heera mootummaa fi waliigaltee seera qabeessa fi idil addunyaa eeruu dubbate.

Himatamtootni 17 kun Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuuf jecha mootummaan adeemsa seera qabeessaan hundeeffame diiguuf hojjetaniiru jedhamanii himatamuu ni yaadatama. Bara darbe to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, yeroo ammaa kana magaalaa Sabbataa mana hidhaa Daalattiitti argamu.

Dhaabbatni idil addunyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) ibsa kaleessa baaseen Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuun atattamaan akka gadhiifamanii fi himatni isaan irratti dhiyaatan hundu akka ka’u jechuun waamicha dhiyeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.