Haleellaan Diroonii Mootummaan Gaggeessu Lammiilee Nagaa Ajjeesaa Jira-KFO

Suuraa:Ubuntu

Finfinnee- Kongiresiin Federaalawaa Oromoo ibsa Dilbata darbe baaseen haleellaan waraanaa Oromiyaa keessatti gagggeeffamaa jiruun lammileen nagaa ajjeefamuu dubbate.  “Humnoonni mootummaa kaayyoo waraana Adda Bilisummaa Oromoo  maqaa “ABO Shanee”  jedhanii moggaasan balleessudhaaf tooftaa “Qurxummii kiyyeessuuf galaana gogsu” jedhuun duula jabaa ija adunyaa jala dhokfame kutaale Oromiyaafi kutaalee biyyattii adda addaa keessatti bal’inaan geggeeffamaa jira.” jedha ibsi KFO.

Keessumattuu godinaalee Wallaggaa Afran, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Arsii Lixaa, Gujii, Gujii Lixaa fi Godina Booranaa; akkasumas Nannoo Amaaraa keessatti ammo Bulchinsa Godina Saba Oromoo fi Naannoo Benishaangul-Gumuzitti godina Matakkali fi naannawa isaa keessatti ajjeechaan namoota nagaa, mana gobuu fi qabeenya barbadeessun, “ilmi kee miseensa ABO Shanee waan ta’eef bakk jiruu fidi” jechanii haadhafii abbaa hidhaan dararuun, yoo hammaates ajjeesuun gochaa fardii ummata keenna irratti raawwatamaa jiraachuu eera ibsichi. 

Humnootni  mootummaa tarkaanfii humna qilleensaa fi lafoon fudhataa jiraniin “Lubbuun lammiilee nagaa akka baduu, manaafi qabeenyi ummataa akka barbadaa’u, kan hafanis sababa kanaaf qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii akka baqataa jiran, odeeffannoon naanicha irraa dhufaa jiru ni addeessa.” jedhe KFOn.

Kana malees ibsichi,  “Kaaba biyyattii, keessattuu naanoo Amaaraa iddoo garaa garaatti lolicha hordofee, hidhannoo fi ijaaramni qaamolee seera maleeyyi ol’aanaan uumamuu isaatin rakkoon nageenyaa hamaa naannichaafi ummata ollaatiif uumamaa dhufaa waan jiraniif; Mootumman naanichaas tarkaanfii fudhachuu irratti dhibaahummaa waan agrsiiseef, mootummaan  Federaalaa hatattamaan fala seera qabeessa ta’e akka fudhatu nigaafanna.” jedhe 

Ibsa Guutuu Asirraa Dubbisaa 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.