Humnootni Nageenyaa Dameewwan ECX Oromiyaa Keessa Jiran Jaha Cufuun Hojjattoota Hidhan

Iteenash Abarraatiin  @EtenbeshAB

Finfinnee– Dhabbatni Gurgurtaa Oomishaa Itoophiyaa dameewwan isaa jaha “sababa hin beekamneen” humnoota nageenyaan cufamuu fi hojjattootnis hidhamuu ibse. Itti gaafatamaan damee kominikeeshinii dhaabbatichaa Natsaannat Tasfaayee dameewwan Mattuu, Gimbii, Baddalle, Naqamtee fi Adaamaa haala ifa hin taanee cufamanii hojjatootni harki 20 hidhamuu Addis Standarditti hime.

“Dameewwan kunneen erga cufanii booda hojjattoota hidhan. Iddoowwan tokko tokkotti hojjattota hunduma iddo kaanitti ammoo gaggeessitoota qofatu hidhame.”jedhe Natsaannat. 

Dameewwan cufaman keessa oomishni qonnaan bultoota irraa fuudhamee fi kan daldaltootan barame keessa jiraachuu ibse. “Qaama mootummaa dhimmi ilaallatu waliin mari’achaa jirra” jedhe Natsaannat. Yeroo tarkaanfiin kun fudhatamu hojjattootni hojii isaanii idilee gaggeessaa akka turan kan ibse itti gaafatamaan kun “Waanti uumame dhaabbatichi quba hin qabu” jedhe. Dameewwaan cufaman keessatti adda durummaan kan daldalamu Buna, midhaan Zayitaa fi kanneen biroo gurugurtaa biyya alaaf oolan akka ta’anis ibse.  

Bara 2008 hojii kan eegale Dhabbatni Gurgurtaa Oomishaa Itoophiyaa iddoo cuusaa oomishni  sadarkaa isaa eeggate itti walitti qabamu ta’uu eera dhaabbatichi. Dhaabbatni gurgurtaa Oomishaa Itoophiyaa tajaajila “Samuduu, sadarkaa laachuu, madaaluu fi waraqaa ragaa midhaan zayitaa, bunaa fi kanneen biroo meeshalee ECX, sadarkaa ECX eeggateen ni kenna.”

Caalaa, hogeessi Labiraatorii ECX damee Gimbii akka bilbilaan Addis Standaditti himetti kamisa Ebla 28 guyyaa keessaa sa’aatii  9tti humnootni nageenyaa gara waajjira ECX dhaquun waajjiricha cufanii hojjattotta hunda ibsa tokko malee hidhan. “Hunduma keenya mana hidhaa geessan, isa booda nu hiikanii namoota hoggana irra jiran 14 hambisan.” ECX dameen Gimbii hojjattoota 40 qabachuu eere Caalaan. 

Hojjataan ECX damee Jimmaa kan maqaan isaa akka eeramuu hin barbaanne, qaamoleen nageenyaa waraqaa seera qabessa mana murtii hin qabne waajjiraalee damee hunda sakatta’uuf dhufanii miseensota hoggansa shan to’annoo jala oolchaniiru. “Ajaja qaama mootummaa olaanaa irraa kennameedha jedhanis, isa kam akka ta’e hin dubbane. Har’a ganama waahiloota keenya gaafachuun gara mana hidhaa deemne turre. Poolisiin hanga ammaa mana hidhaatti tursiisuun ala waan tokkollee akka hin gaafanne nutti himaniiru.” Akkasumas hojjattoota 35 hanga 40 gahan keessatti kan hojjetan ECX dameen Jimmaa, hanga ammaa cufamee humnootai nageenyaatin eegamaa akka jiru himeera.     

Hanga oduun kun qindaa’utti Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma cufamu dameewwan dhaabbatichaa ilaalchisee ibsa kan hin baasne yoo ta’u, Poolisii magaalota irraa yaada fudhachuun yaaliin Addis Standard taasise hin mikoofne. Qajeelchaan Poolisii Gimbii dhimmicha irratti yaada laachuu diduun bilbila cufeera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.