Oduu: Miseensotni Kongireesii Ameerikaa qaamolee sarbiinsa mirgoota namoomaa Lixa Tigraay duuba jiran irratti qoqqobbiin akka kaawwamu gaafatan

Humnootni nageenyaa naannoo Amaaraa Lixa Tigraay keessatti yeroo socho’an

Finfinnee, Adoolessa 25/ 2023 – Qaamolee Lixa Tigraayitti sarbiinsa mirga namoomaa dhalattoota saba Tigraay irratti gaggeessaa jiru jedhaman irratti Ameerikaan “tarkaanfii hatattamaa fi murteessaa” akka fudhattu miseensonni Kongireesii Ameerikaa sadi xalayaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bliinkanii fi Itti gaafatamtuu Dhimma Qabeenyaa Ameerikaa Jaanet Yeelaniif barreesaniin gaafatan.

Erga waliigalteen waraana dhaabuu mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti mallatteeffamee booda hanga Bitootessa 2023 humnoonni Amaaraa dhalattota sabaan Tigraay ta’an hidhuu fi irratti duguuggaa sanyii raawwachuu “ragaan qabatamaan mul’isu” jiraachuu ibsuun qaamolee gochaa kana duuba jira irratti qoqqobbiin akka kaa’amu gaafachuu xalayicharratti ibsameera. 

Akkasumas, gabaasa jaarmayaa migoota namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) Waxabajjii 01, 2023 baase wabeeffachuun “humnoonni Amaaraa” dhalattoota saba Tigraay kuma dhibbaan lakkaa’aman Lixa Tigraay irraa humnaan qe’eerraa buqqaafamuu xalayichi addeesseera. Waliigalteen waraana dhaabuu qaamolee wal waraanaa turan lamaan gidduutti erga mallatteefame boodas duguuggaan sanyii “humna addaa naannoo Amaaraa fi milishaatiin” gaggeeffamu ittuma fufee jiraachuu ibsameera.

Akkaataa xalayaa kanaatiin, waliigaltee booda ji’oota Amajjii fi Guraandhala 2023 keessa humnoonni kunneen dhalattoota saba Tigraay irratti “duula duguggaa sanyii qindaa’aa” gaggeesssuun hidhaa seeraan alaa fi  humnaan qe’eerraa buqqisuu baay’inaan raawwataniiru.

Aanga’oota naannoo Amaaraa gocha akka hidhaa jumlaa, dararrii fi duguuggaa sanyii Lixa Tigraayitti raawwatame kana duuba jiran kan akka Koloneel Dammaqaa Zawduu fi Balaay Ayyaaleew irratti qoqqobbiin uggura viizaa fi qabeenyaa akka kaa’amu xalayaan kanaan gaafataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.