Oduu: MM Abiy Ahimad Pireezdaantii Raashiyaa Vilaadimiir  Putiin waliin wal arguun ni mari’atu

MM Abiy Ahimadiifi Pireezdaant Vilaadimiir Putiin (Suuraa: France 24)

Finfinnee, Adoolessa 26/2023 – Ministirri Muummee Abiy Ahimad walgahii Raashiyaa – Afrikaa Adoolessa 27 fi 28, 2023 biyya Raashiyaa magaalaa Seent Piitarsbarg keessatti gaggeeffamu irratti Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Putiin waliin wal arguun akka mari’atan miidiyaaleen Raashiyaa gorsaa olaanaa dhimma alaa Putiin wabeeffachuun gabaasaniiru. 

Walgahiin Raashiyaa-Afrikaa boruu eegalu kun yeroo Raashiyaan Yukireen waliin waraana keessatti jirtu keessatti kan gaggeeffamudha.

MM Abiy Ahimad daawwannaa Seent Piitarsbargitti gaggeessaniin Pireezdaant Putiin waliin walarguun akka mari’atan kan eeran Gorsaa Olaanaa Dhimma Alaa Kireemliin kan ta’an Yuurii Ushaakoov, hoggantootni biyyoota lameen waliin ciree akka nyaataniis ibsaniiru.

Pireezdaant Putiin MM Abiy Ahimad dabalataan Pireezdaantii Masrii Abdul Fattaah Al Siisii waliinis ni mari’atu jedhame akka eegamu Yuurii Ushaakoov dabalanii ibsaniiru. 

Walgahiin Raashiyaa-Afrikaa jalqabaa bara 2019tti magaalaa Soochii keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, yeroos walgahiin Raashiyaa Afrikaa lammaffaa magaalaa Finfinnee keessatti akka gaggeeffamu ibsame ture.

Gama biraatiin, Raashiyaan Inishiyeetiivii Midhaan Galaana Gurraacha keessaa bahuu ishee erga beeksiftee guyyoota muraasa booda Pireezdaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan mari’achuun isaanii ni yaadatama. Marii kana irratti Pireezdaant Zelenskiin, MM Abiy Yukireen akka daawwatan waamicha taasisanii turan.

Preezdaant Zelenskiin, Yukireen Inisheetiivii Midhaan Galaana Gurraachaatiin nyaata gara toonii kuma 300tti dhiyaatu, Inisheetiivii Namoomaa Midhaan Yukireen irraa argameen ammoo toonii kuma 90 dabalataan Itoophiyaaf geessuu ishee ibsaniiru. Yukireen wabii nyaataa addunyaaf wabii taatee hojjechuuf waadaa galte irra deebi’anii kan mirkaneessan Zelenskiin, hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu, keessumaa gama nageenyaa fi dijitaalaayizeeshinii gabbisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.