Oduu: Pirezdaantii Yukireen Zelenskiin MM Abiy Ahimad Yukireen akka daawwatan affeeran

Pireezdaantii Yukireen Volodimiir Zelenskii (Suuraa: president.gov.ua/)

Finfinnee, Adoolessa 21/2023 – Raashiyaan Inishiyeetiivii Midhaan Galaana Gurraacha keessaa bahuu ishee erga beeksiftee guyyoota muraasa booda Pireezdaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan mari’ataniiru. Pireezdaant Zelenskiin, MM Abiy Yukireen akka daawwatan waamicha taasisaniiru. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa saddeet murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii weerara Raashiyaan Yukireen irratti Bitootessa bara 2022 raawwatte balaaleffate irratti sagalee kennuu irraa of qusatan keessaa tokko turte.

Akka marsariitii Pirezidaantii Yukireen irratti ibsameen, hoggantoonni kunniin Raashiyaan Inisheetiivii Midhaan Galaana Gurraacha keessaa bahuu, danqaa seeraan ala tiraafikaa galaanaa fi haleellaa buufata doonii fi bu’uuraalee anniisaa Yukireen irratti raawwatame irratti mari’ataniiru.

Kunis yeroo haasaa bilbilaa jalqabaa MM Abiy Ahimad fi Preezdaant Zelenskii gidduutti taasifame ture. MM Abiy barreeffama tiwiitara irratti maxxansaniin, dhimmoota biyyoota lamaanii fi idil-addunyaa, akkasumas malawwan Yukireen fi Raashiyaa gidduutti nagaa buusuu danda’an irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Preezdaant Zelenskiin, Yukireen Inisheetiivii Midhaan Galaana Gurraachaatiin nyaata gara toonii kuma 300tti dhiyaatu, Inisheetiivii Namoomaa Midhaan Yukireen irraa argameen ammoo toonii kuma 90 dabalataan Itoophiyaaf geessuu ishee ibseera. Yukireen wabii nyaataa addunyaaf wabii taatee hojjechuuf waadaa galte irra deebi’anii kan mirkaneessan Zelenskiin, hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu, keessumaa gama nageenyaa fi dijitaalaayizeeshinii gabbisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Murteen Raashiyaan Inishiyeetiivii Midhaan Galaana Gurraacha keessaa bahuuf dabarsite kun hoggantoota Afrikaa tokko tokko irraa qeeqa isa mudateera. Mootummaan Keeniyaa, murteen kun biyyoota hongeen miidhamaa jiraniif “akka duubarraan waraanamuuti” jechuun ibseera. Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Yukireen biyyoota akka Afgaanistaan, Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan, fi Yamanitti nyaata toonii kuma 625 akka gargaarsa namoomaatti ergitee jirti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.