Oduu: Waraanni Itoophiyaa waraanota bara 1984 asii gaggeeffaman keessaa kan namoota baay’ee galaafateedha: Qorannoo

Taankii waraana kaaba Itoophiyaa keessatti taankii hojii ala ta’e (Suuraa: Rooyitars/Tiksaa Nagarii)

Finfinnee, Adoolessa 20/2023 – Waraanni kaaba Itoophiyaa lubbuu namoota 100,000 ol galaafachuun akka addunyaatti waraanota bara 1984 as gaggeeffaman keessaa hammaataa ta’uu gabaasni haaraa Dhaabbata Qorannoo Nageenyaa Osloo baase beeksise.  

Gabaasni Kamisa maxxanfame kun bara 2022 keessa akka addunyaatti du’a waraana mootummootaatiin dhufe 204,000 galmaa’e keessaa waraanni Itoophiyaa fi Yuukireen 89% gumaachuu ibseera. 

“Waraanni Yuukireen xiyyeeffannoo guddaa kan argate ta’us waraanni mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduutti taasifame caalatti lubbuu namootaa hedduu kan fixe ture. Akka Sagantaan Ragaa Waldhabdee Uppsala (UCDP) ibsetti, du’i 81,500 sababa waraana Yukreeniin kan mudate yoo ta’u, namoonni 100,200 wal waraansa mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti gaggeeffameen dhumaniiru,” gabaasichatu jedhe. 

Du’aa fi yakka waraanaa Itoophiyaatti waraanaan dhufe galmeessuun rakkisaa waan ta’eef lakkoofsi namoota du’anii kana caaluu kan danda’u ta’uu gabaasichi ibseera. Waraana waggaa lamaaf gaggeeffame kanaan lakkoofsi namoota du’an hammam akka ta’e mootummaan Itoophiyaas ta’e, ABUT ibsi laatan kan hin jirree ta’uus, Pirezdaantiin Naayijeeriyaa duraanii Oluseeguun Obasaanjoo waraani kanaan gara namoota 600,000 lubbuu isaanii dhabuu ibse ture. 

Kana malees, gabaasni Dhaabbata Qorannoo Nageenyaa Osloo baase, lolli Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti  godhamaa jiru waraanota addunyaa torba bara 2022 keessa hammaachaa dhufan keessaa isa tokko ta’uu eereera. 

Akkaataa gabaasa kanaatiin, bara 2022 keessa iddoo fi ulfaatinni waraanaa jijjiirameera. Kanaan dura waraanonni Yaman, Afgaanistaanii fi Siiriyaa waraanota lubbuu baay’ee baasan turan. Waraanni mootummaaa Afgaanistanii fi humnoota Haadii wajjiin ture bara 2021 keesa waraana lubbuu namoota hedduu galaafateedha. 

Waldhabdeewwan 55 bara 2022 galmaa’an keessaa saddeet [waraana Itoophiyaa fi Yuukireen dabalatee] lakkoofsa du’aa guddaa 1000 ol galmeessuun sadarkaa waraanaatti ramadamaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.