Oduu: Naannoo Gaambeellaatti rakkoo nageenyaa tibbana mul’ateen walqabatee uggurri sochii kaa’ame

Finfinnee, Adoolessa 20/2023 – Rakkoo nageenyaa tibbana naannoo Gaambeellaatti mudateen walqabatee naannichatti yeroo hin murtoofneef galgala ALI sa’aatii 1:00 hanga ganama sa’aatii 12:00tti daangeeffama sochii kaa’ame.  Murteen kun kan dabarfame kaabineen naannichaa haala tasgabbii yeroo naannicha keessa jirurratti marii hatattamaa kaleessa taa’ee irratti ture.

Akkaataa murteen kanaatiin, humnoota nageenyaatiin alatti galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama sa’aatii 12:00 konkolaataa fi namni socho’uu kan dhoorkame ta’uu ibsameera. Humnoota nageenyaa mootummaatiin alatti qawwee qabatanii argamuunis dhoorkameera. Rakkoo nageenyaa uumameen walqabatee “gaggeessitoonni fi qaamoleen biroo” harka keessaa qaban kan itti gaafataman ta’uu biiroon kominikeeshiniin naannichaa addeessera.

Karaa biraatiin, hojjattoonni mootummaa fi dhaabbileen dhuunfaa guyyaa har’a irraa eegalee tajaajila idilee kennuu akka itti fufan murteesseera.

Dhorkiin kun kan kaa’ame, haleellaa Adoolessa 13 baasii ummataa lammarratti naannawa magaala Gaambeellaa iddoo addaa Okoom jedhamutti raaawwatameen namoonni nagaa lama ajjeefamuu fi 23 madaa’uu hordofeeti. 

Jiraatonni naannichaa Addis Standard dubbise akka himanitti, lammiileen haleellaa kanaan miidhaman dhalattooota saba Nyuweeriiti. Haleellaa kuni kan raawwatame humnoonni tika mootummaa baasicha tiksan osoo jiranii iddoo rakkisaa magaala Gaambeellaa irraa 10km fagaatee argamutti ta’uu jiraattonni addeessaniiru. 

Konkolaattotni kunneen godina Nyuweer aanaa Wantaawoo jedhamuu irraa gara magaala Gaambeelaa imalaa osoo jiranii ta’uun barameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.