Oduu: Itoophiyaan eegumsa odeeffannoo iccitii mootummaa irratti labsii haaraa raggaasifte

Finfinnee, Adoolessa 19/2023 – Manni Maree Ministiroota Itoophiyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamu wixinee labsii haaraa bulchiinsa fi itti fayyadama odeeffannoowwan iccitii mootummaa, mirga fi dirqama dhaabbilee mootummaa adda addaa, qondaaltota mootummaa fi hojjettoota, akkasumas qaamolee odeeffannoon kun karaa adda addaatiin isaan dhaqqabe irratti wixinee labsii haaraa raggaasise.

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen wixinee eegumsaa fi ramaddii ragaalee iccitaawoo mootummaa fi wixinee labsii to’annoo fi mirkaneessaa nageenyummaa oomishaalee teeknooloojiiwwan odeeffannoorratti marii gaggeesseera.

Dhaabbileen mootummaa gargaaraa, hoggantoota fi hojjettoonni akkasumas qaamolee ragaaleen isaan qaqqabe dirqamni isaanii ifatti beekamuu waan qabuuf, ragaalee iccitaawoo gama elektirooniksiin waljijjiiruuf sirni diriirfame waan hin jirreef, nageenyummaan ragaaleen mala elektirooniksiin waljijjiiraan  kan eegame akka ta’uu fi itti gaafatama mirkaneessuuf, ragaaleen seeraan ala akka hinifoomne, hinbadnee fi hindabarfamne eegumsa barbaachisa taasisuuf wixineen dambii kanaa kan qophaa’e ta’uu ibsameera. 

Haaluma kanaan erga irratti mari’atameen booda guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa ooluu murteesseera. 

Wixineen labsii to’annoo fi mirkaneessaa nageenyummaa oomishaalee teeknooloojiiwwan odeeffannoo, nageenyummaa teeknoloojiiwwan odeeffannoo biyya keessa galanii irratti to’annoo fi hordoffii barbaachisaa taasisuu, dhiibbaa uumamuu malan ittisuuf kan qophaa’e ta’uun eerameera. Wixinichi Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka raggaasisuuf gara mana marichaatti qajefameera. 

Gama biraatiin wixinee dambii bulchiinsa hojjettoota Abba Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa irratti kan mari’ate Manni Maree Ministirootaa, gabaan Kaappitaalaa Itoophiyaa haaraa ta’uurraan gama baay’inaa hojii dhabbatichaan filannoo hojjettootaa gaggeessuu fi bulchuutiin wixineen dambichaa qophaa’uu ibseera. Haaluma kanaan wiixinechi guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa oolu sagalee guutuun murteesseera. 

Dabalataanis wixinee dambii Giruuppii Baayoo Faarmaa fi Intarpiraayizii Sheeldiivaaksi hundeessuuf ba’erratti mari’achuun guyyaan dambichii Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa ooluu murtoo dabarseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.