Oduu: Wandasan Asaffaa, Maskaram Abarraa dabalatee kanneen yakka shororkessummaan himataman 24 mana amala sirreessaa akka galan ajajame

Gobazee Sisaay fi Maskaram Abarraa, himatamtoota yakka shorokeessummaan himataman 24 keessaa argamu

Finfinnee, Adoolessa 19/2023 – Mannii Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi 3ffaan Dhimmoota Farraa Shororkeessummaa, himatamtoota yakka shororkeessummaa naannoo Amaaraan walqabateen himantaman Wandasan Asaffaa (PhD) fi Maskaram Abarraa dabalatee himatamtoonni 24, gaaffiin mirga wabii isaanii kuffisuun Mana Amala Sirreessaa akka galan ajaja kennuu FBCn gabaaseera. 

Himatamtoota keessaa Wandasan Asaffaa (PhD), Maskaram Abarraa, Piofeesar Sisaay Awgizaachaw fi Gobazee Sisaay dabalatee namootni 24 dhaddachatti argamuun murtee mana murtichaan kenname hordofaniiru.

Abbaan alangaa himatamtoota irratti, kaayyoo warraaqsaa fi siyaasaa “ka’umsi keenyaa Amaaraa ga’umsi keenyaa Itoophiyaa” jedhu tarkaanfachiisuuf mootummaa biyyattii bulchaa jiru, keessumaa tooftaa fi tarsiimoo waraanaa bocuun, daandiilee Naannoolee naannoo Amaaraan waldaangessan geessan cufuun, ummata shororkeessuu fi mootummaa dirqamsiisuun aangoorraa buusuuf gochaalee shororkeessummaa eeruun himataa isaan ibseera. 

Himatichaan gochaalee shororkeessummaa raawwatameera jedheen  tajaajiloota hawaasaa addaa kutuu fi hokkara kaasuu eeruun, gochaa shorokeessummaa kanaan namoonni 217 lubbuu darbuu, namootaa 297 irra miidhaan qaamaa salphaa fi ulfaataan qaqqabuu akksumaas qabeenyi Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 298 fi kuma 346 fi 276 olitti timaamamu manca’uu eereera. 

Himata abba alangaan dhiyate dubbisuun himatamtootaa erga dhageessiseen booda abukaatoon himatamtootaa mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf gaafeera. 

Haaluma kanaan falmii bitaaf mirgaa dhaggeeffachuun manni murtichaa himanni himatamtoota irratti dhiyaate mirgii wabii akka eegamuuf kan hintaasifne ta’uun, gaaffii isaanii kufaa taasisuun himatamtoonni Mana Amala Sirreessaa Finfinnee akka galan ajaja kenneera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.