Oduu: Dargaggoonni shan harki isaanii duubatti hidhame boollatti darbatamanii turan mooraa RIB irraa gara waajjira poolisiitti dabarfaman

Dargaggoonni shanan harki isaanii duubatti hidhamee boollatti darbataman. (Suuraa: Miidiyaa hawaasaa)

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Adoolessa 18/2023 – Dargaggoonni shanii Godina Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa magaala Qilxuutti haala sukaneessaa ta’een mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti boollatti darbatamuun dararamaa turan irraa gara waajjira poolisii magaalaa Qilxuu Kaarraatti dabarfamuu fi ajajaan Raayyaan Ittisa Biyyaa gocha sana duuba jira jedhame hojiirraa ittifamuu Addis Standard maatii dargaggoota kanneen irraa odeeffateera.

Suuraan dargaggoo shan harki isaanii duubatti hidhamee ijji isaanii haguuggamee boolla keessatti darbataman mul’isu tibbana miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureera. Taatee kanaan walqabatee namoonni garaagaraa yaada garaagaraa karaa miidiyaa hawaasaatiin ibsachaa turaniiru. Addis Standard yoom-eessa suurichaa dabalatee dhugaa suuraa kana duuba jiru maal akka ta’e hubachuuf yaalii taasiseen taateen kun guyyoota muraasa dura magaalaa Qilxuu Kaarraatti kan raawwatame ta’uu mirkaneesseera. 

Dargaggoo shanan hidhamanii boolla keessatti darbatamanii mul’atan kunneen Obsii Dinagdee, Tasfaayee Tarfaasaa, Iyyaasuu Kaasaahun, Abbabaa Dhufeeraa fi Dassaalany Bulchaa kan jedhaman yoo ta’an, jiraattotuma aanaa Qilxuu Kaarraa ta’uu maddeen Addis Standard yeroos dubbise himaniiru. Guyyoota muraasa dura shakkii Waraana Bilisummaa Oromootiin hidhata qabu jedhuun to’annoo jala oolfamanii turuus eerameera. 

Maatiin ijoollee kanneeniif nyaata geessaa kan jiran ta’us ijoollee kanneeniin garuu wal qunnamuu hin danda’an waan ta’eef yeroo ammaa kana haala isaan irratti argaman kan hin beekne ta’uu Addis Standarditti himanii turan.

Haala dargaggoonni kunneen ergasii keessatti argaman maal akka fakkaatu hubachuuf yaalii Addis Standard taasiseen, “ajaja qaamni mootummaa olaanaa irraa baheen” dargaggoonni kunneen yeroo ammaa kana mooraa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turan irraa gara waajjiira poolisii magaalaa Qilxuu Kaarraatti akka dabarfaman taasifamuu maatii dargaggoota kanneen himaniiru. 

Miseensi maatii maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti haalli qabiinsa isaanis amma fooyyee qabaachuu akka danda’u amantii qabaachuu hime. “Amma fooyya’iinsi jira. Ijoolleen kun mooraa RIB keessaa baafamanii gara waajjira poolisiitti dabarfamuu dhagahuu keenyaan gammadneera. Kanumaan haalli keessa jiran foyya’eera jennee abdanna,” jedhe. 

Kana malees, ajajaan olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa gocha suukkaneessaa kana duuba ture jedhame tokko “ajaja qaama olaanaa irraa darbeen” hojii isaarra ittifamuu odeeffannoo argachuu hime. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.