Oduu: Komii “qormaata bahiinsaa” muummee akkaawuntiingii fi faayinaansii irratti ka’e hordofuun daballiin qabxii taasifame mormii biraa kaase

Finfinnee, Adoolessa 21, 2023 –  Yuunivarsitiiwwan hedduutti muummeen akkaawuntiingii fi faayinaansii “qormaannii bahiinsaa” barattoota isaaniif dhiyaatee ture akka qoratamuu fi sirreeffamni barbaachisaa ta’e akka godhamu gaafataa turaniiru. Dhaabbileen kunneen qormanni barattootaaf dhiyaate barattoota “kan hin gitne” ta’uun barattoonni hedduu qormaaticha kufuu hordofee ministeerri barnootaa qabxii gargar ta’e barattoota gamisaaf dabaluun isaa komii biraa uumeera.

Barattoonni komii isaanii Addis Standard’iif dhiyeessan akka jedhanitti, sooftweeriiwwan qormaata gosa barnootaa hedduu sirreessuuf kalaqaman keessaa kan akkaawuntiingii fi faaynaansii qofti dogoggoraan sirreessee jechuun hin danda’amu jedhu.

Kana waan ta’eef, dogoggora ture sirreessuuf jedhanii qabxii baay’ee xiqqoo barattoota xiqqoodhaaf dabaluun tokkummaa barattootaa diiguu fi burjaajeessuun gaaffii irra deebiin akka qoraman barattoonni kaasanii ture hambisuuf yaadamee “yaada fudhatama hin qabne” dhiyaateedha jedhu.

Qabxii dabaluun barattoota kufanii turan keessaa muraasni akka darban erga taasisanii booda gosa barnoota biroo kan barattoonni isaanii lakkoofsaan xiqqoo darban wajjiin wal fakkeessuun garaagarummaa guddaa ture xiqqeessuun dogoggora akka tasaa uumamee fakkeessuun rakkoon muummee akkaawuntiingii fi faayinaansii mudatee ture xiyyeeffannoo akka dhabu taasisuuf yaadamee kan godhameedha jechuun eebbifamtoonni kunneen komataniiru.

Kana malees, akkaataa qormaata baasuutiin walqabatee dogoggora mataasaaniitiin uumaniin irra deebiin akka qoramaniif gaaffii barattoonni dhiyeessan haquu fi oduu miidiyaaleen gabaasaa jiran dhabamsiisuu fi gaaffilee miidiyaarraa dhiyaataniif deebii qopheessuu fi itti gaafatamummaa jalaa baasuun dhimmichi xiyyeeffannoo akka hin arganne gochuu karoora baafataniidha jedhu baratoonni kuni.

Yuunivarsitii Finfinneetti eebbifamaa akkaawuntiingii maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’itti  akka himetti, qormaatichi barataa kan hin gitnee fi akka itti qophoofnuu kan nutti himamee ala ta’uu isuun “tarsiimoo barataa kuffisuu yaadamee godhamee dha” jedhe.

Barattoonni ciccimoon qabxii guddaa galmeessisu jedhamanii eegaman osoo hin hafin kufuusaanii ibsuun akkaataa qormaatichi ittiin qophaa’eeen alatti dogoggorri sirreessii jiraachuu akkaataa qabxiin itti kennamu irraa hubachuun kan danda’amu ta’uu himeera.

Ministeerri barnootaa barattoota osoo hin hubachiisin Adooleessa 12, 2015 ALI barattoota tokko tokkoof qabxii kan dabale yoo ta’u isaan biraa immoo qabxii dura fidan irraa hir’isuu addeesseera.

Barattoonni jijjiirama qabxii homaa hin argatin kan jiran ta’uu ibsuun qabxiin barattootaaf dabalame garagara ta’uu ibseera. Qabxiin barattoota kufanii irra caalaan 29, 37 fi 40 dha jechuun kunimmoo dogoggorri jiraachuu kan mul’isuu waan ta’eef ministerri barnoota fala akka barbaadu gaafateera.

“Qormaata barataa hin gitne” baaasuun dadhabbii barattootaa fi carraasaanii dhidhimatti naquusaaniitiin  baay’ee gaddineerra jedchuun ministeerri barnootaa sirreeffama barbaachisaa hanga taasisutti gaaffii itti kan fufan ta’uu ibseera.

Karaa biraatiin, kolleejjii dhuunfaa magaala Hawaasaa keessa jirutti barataa akkaawuntiingii kan ta’e Asfaaw Darriisaa qormaatichi keenya kan hin taanee   fi gaaffiilee isaan hin baratin of keessaa qabaachuu ibsuun kanarraa kan ka’e muummee isaanitiii barataan darbe tokkoyyuu hin jiru jedheera. Koorsii 43% qormaanni keessaa baha jedhamee yaadamee ture keessaa gaaffiin sadiiyyuu hin baane jechuun gaafffileen dhiyaatan qajeelaan kan barannee waan hin ta’iniif hubachuuf yeroo dheeraa kan barbaadan ta’uu ibseera.

“Gaaffiileen 30 ol ta’an muummee barnoota biraarraa bahan. Barattoonni hamma kanaa kan kufan dadhabina mataasaaniitiin osoo hin taane wanta hin baratin qormaatarratti waan dhiyaateef waan taa’eef furmaanni nuuf haa laatamu,” jechuun gaafateera.  Daballii qabxiitiin walqabatee gaaffiii gaafatameen yeroo deebisu daballiin qabxii koolleejii isaaniitiif godhame kamiyyuu kan hin jirre ta’uu

Yuunivarsitiiwwan torban darbe keessa komii kaasan keessaa tokko kan ta’e Yuunivarsitiin Baahirdaar qormaatichi akkaawuntiingii fi faaynaansiitiin ala kan koopireetivsii fi ooditiingiiti jedhee ture. Kana malees, koorsiiwwan ministeerri barnootaa baase qormaaticha keessatti kan hin hammatamin ta’uu ibsuun koorsiiwwan 15 barattoonni baratan keessaa qormaatichi afur qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu ifoomseera.

 Gaaffileen hedduun isaanii tokkoon tokkoon isaanii daqiiqaa 30 ol kan fudhatan, akkaataan gaaffiileen ittiin dhiyaatan kan dheeratee fi gaafffileeen dhedheerooo ta’uun barattoonninhedduu akka kufan taasiseera jechuun qormaatichi irra deebiin akka qophaa’u gaafateera.

Yuunivarsitii Dabaarqitti mummeen akkaawuntiingii fi faaynaansii gama isaatiin gaafilee qormaaticha keessa jiran keessaa harka 50 kan ta’an muummee biraarraa kan dhufan wwaan ta’eef gochaan kuni qulqullina barnnootaa mirkaneessuuf osoo hin taane “barattoota kuffisuuf yaadamee kan qophaa’e” fakkaata jedheera.

Ministeerri barnootaa barattoonni akka irratti qophaa’aniif jedhamee Bluu piriintii kenname wajjiin “gonkumaa wal hin fakkaatu” waan ta’eef furmaanni akka laatamu gaafateera.

Dhimmicharratti ministeera barnootaa dubbisuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.