Oduu: Buqqaatotni Lixa Oromiyaatti sababa rakkoo nageenyaan buqqa’an gargaarsa namoomaa osoo hin argatiin rakkachaa jiru: UN

Buqqaatota dahoowwan yeroo godina Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaatti argaman keessa jiraachaa jiran. (Suuraa: ICRC)

Finfinnee, Adoolessa 26/2023 – Lixa Oromiyaatti uummatni sababa waldhabdee fi rakkoo nageenyaan godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessa qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an ammallee gargaarsa namoomaa osoo hin argatiin rakkoo keessa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UN OCHA) beeksise.

Rakkoon nageenyaa hamaa naannicha keessatti jiru fi hanqina dhaabbilee gargaarsa dhaqqabsiisan rakkoo uummatni buqqa’ee argaa jiru kanaaf akka sababaatti eerameera. 

Akka gabaasa OCHAtti, bara 2021 fi 2022 keessa qofa sababa rakkoo nageenyaa godina Wallagga Bahaa aanaalee Gobbuu Sayyoo fi Waayyuu Tuqaa keessatti uummatni 13,800 ol qe’ee isaanirraa buqqa’an gargaarsa uummata naannichaan qofa jireenya isaanii itti fufaa jiru.

Buqqaatonni tajaajila bu’uuraa guyyaa guyyaa ykn sochii jireenyaa kan hin arganne yoo ta’u, sababa balaa garee hidhattoota geessisaniin sochiin isaanii kaampii fi magaalota keessatti daangeffameera. 

Buqqaatotni Wallagga Bahaa kunneen hanqina gargaarsa nyaataa fi tajaajila fayyaa isaan mudachaa jiraachuu kan ibse OCHAn, rakkoo hanqina nyaataa kana furuuf baatii Waxabajjii keessa kuufama yeroo atattamaa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa daakuu Qamadii buqqaatota kuma 45 aanaalee jaha keessa argamaniif raabasamu ibseera. Haata’u malee, midhaan baatii Waxabajjii keessatti raabsuuf karoorfame keessa dhibbeentaa 7 (7%) qofa ta’uu eereera. 

Mootummaa fi dhaabbilee gargaarsaa irraa deeggarsi taasifamu irratti hanqina guddaa mul’atuus, hawaasni tola ooltummaan gargaarsa dhaqqabsiisuuf yaalii taasisaa jiraachuu ibsameera.  

Jiraattonni godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa haleellaa “hidhattoota Amaaraa Faannootiin” qe’ee isaani irraa buqqaafaman beela hamaa dabalatee gaaga’ama namoomaa hammaataa keessa jiraachuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. Namoonni buqqa’an kunneen gargaarsa namoomaa homaayyuu hin argatin jiraachuu ibsuun sodaa nageenyaa, beela, rakkoo dahoo itti qubatanii fi haniqna tajaajila fayyaatiif saaxilamuu addeessaniiru.

Gama biraatin, weerarri Koleeraa bara darbe keessa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluuq keessatti jalqabe yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba, Somaalee, fi Kibba Itoophiyaa aanaalee 69 keessatti kan babal’ate yoo ta’u, odeeffannoo hanga Adoolessa 19 sassaabameen buqqaatota 275 dabalatee namootni 13,700tti dhiyaatan dhibee Koleeraan qabamuu fi duuti 179 galmaa’u eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.