Oduu: Hanqina xaa’oon walqabatee qonnaan bultootni godina Haadiyyaa hiriira mormii gaggeessan; Qonnaan bultootni 6 hidhamaniiru

Magaalaa guddoo godina Haadiyyaa, Hosaa’inaa

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Adoolessa 26/2023 – Rakkoo hanqina xaa’oo godina Haadiyyaatti mudateen walqabatee hiriira mormii kaleessa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffameen qonnaan bultoonni 6 hidhamuu fi hedduun ammoo miidhaan qaamaa irra gahuu Addis Standard jiraattota dubbise irraa hubateera. Daandiin gara aanaa Soroo geessu qotee bultootaan cufamuu fi poolisoonni hiriiricha bittinneessuuf jecha qawwee gar samiitti ol dhukaasaa turuus jiraattootni Addis Standarditti himaniiru.

Qotee bulaan  hiriiraa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffame irratti hirmaate eenyummaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko yaada Addis Standarditti laateen mormichi magaalaa Hosaa’inaa qofa osoo hin taane guutuu godinichaatti kan gaggeeffame ta’uu himeera. 

“Birraa irraa  kaase xaa’oon hin jiru. Mootummaa yeroo gaafannu qonnaan bultootaaf raabsamuu nutti hima. Nuti garuu xaa’oo kan jedhamu arguu hin dandeenye, eessatti akka gurguramaa jiruus waan beeknu hin qabnu,” jedhe qotee bulaan kun. Itti dabaluun, “Irraa deddeebinee yeroo gaafannu xaa’oon ni dhufaa eegaa nuun jedhu, garuu hamma yoonaatti waan dhufee tokkoyyuu argaa hin jirru” jedhe.

Gatiin xaa’oo gama mootummaa irraa birrii 3800 hanga 3900 akka gurguramuuf raabsamaa jiru gabaa qabatamaa jiru keessatti hanga kuma 12tti gurguramaa jiraachuu kan kaase qotee bulaan kun, hanqina fi qaala’insa xaa’oo bifa amma deemaa jiruun yoo itti fufe gaaga’ama qonnaan bulaa godinichaa mudachuu malu ulfaataa ta’u hima. “Rakkoo hamaa keessa jirra. Lafti keenya xaa’oo bareera. Dhimmi xaa’oo yoo haala kanaan kan itti fufu ta’e, qoteen bulaan garaa kadhannaatti seenu waan hin oolledha.”

Qotee bulaan kan biraa aanaa Soroo keessatti jiraatu, ganna baranaaf qamadii facaasuuf kan karoorfate ture ta’uus, hanga ammaatti xaa’oo argachuu waan hin dandeenyeef yeroo facaasa isaa jalaa harkifachuu hime. “Naannoo keenyatti qotee bultoonni midhaan nyaataa kan akka qamadii, garbuu, baaqilaa, fi kanneen biroo facaasuuf qophii gochaa turaniiru. Ani gama kootiin qamadii facaasuuf karoorfadheen ture, garuu xaa’oon waan hin jirreef lafa keenya irratti hamma yoonaa homayyuu hin facaasne.”

Itti dabaluun, “hoggantoota gubbaa hanga gadii jiran furmaata tokko iyyuu nu laachuu hin dandeenye. Hanga Adoolessa 27tti osoo hin facaafamiin yoo hafe, lafti keenya hagabuu buluu isaati. Sanaanis wanta ittiin maatii keenya bulchinu dhabnee rakkoo hawaasummaa guddaa keessa seenuuf jirra,” jedhe. 

“Hoggantootni xaa’oo qotee bulaaf dhufu gara bakka biraatti maqsaa akka jiranii fi daldala gurraachaa keessa akka seenu taasisaa jiru. Xaa’oo hin jiru yoo jedhan, gaaffilee ‘akkamitti harka daldaltootaa gale? Harka qotee bulaa osoo hin gahiin akkamitti harka daldaltoota gale?’ jedhan kaasa.” 

Komii qonnaan bultoota godina Haadiyyaa irraa ka’e ilaalchisee Addis Standard irraa gaaffii kan dhiyaateef bulchaan godina Haadiyyaa Abrahaam Machaa, “xaa’oo kan oomishu fi raabsu nu miti, gaheen kun kan mootummaa federaalaati,” jechuun dhimmicha irratti deebii laachurraa of qusataniiru. 

Hogganaa Kominikeeshinii Godina Haadiyyaa Saamu’eel Taaddasaa dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standarditti laataniin, godinichatti rakkoo xaa’oo jiraachuu fi qonnaan bultootni rakkoo kana mormuun hiriira taasisuu mirkaneessuun, rakkoo kana furuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. 

Hogganaan kominikeeshinii kun dhimma qotee bultoota hiriira irratti qabamanii hidhaman ilaalchisee gaaffii gaafatamaniif deebii kennaniin, “dhimma qotee bultoota hidhaman jedhame irratti odeeffannoo hin qabu, dhimmichi kan poolisiiti,” jedhan.

Rakkoon hanqina xaa’oo godina Haadiyyaa keessatti qofa kan mudate miti. Rakkoon kun guutummaa biyyattii yaaddoo keessa kan galche yoo ta’u, guyyoota muraasa dura qonnaan bultoota naannoo Amaaraa keessatti argaman hiriira mormii gaggeessuun isaanii ni yaadatama. 

Mootummaan gama isaatiin rakkoo kana furuuf xaa’oo kuntaala miiliyoona 12 ol ganna baranaaf bituuf waliigalee gariin biyya keessa galee raabsamaa jiraachuu fi gariin ammoo buufata dooniirra jiraachuu ibsa. Rakkoon sun garuu osoo hin furamiin wabii nyaata biyyattii yaaddoo keessa galchee itti fufeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.