Oduu: Mootummaan haala nageenyaa Naannoo Gaambeellaa irratti xiyyeeffannoo guddaa akka kennu KMNI gaafate

Finfinnee, Adoolessa 24/2023 – Naannoo Gaambeellaatti miidhaa fi dhiittaan mirga namoomaa namoota nagaa irraatti raawwatamaa jiru irratti mootummaa xiyyeeffannoo guddaa kennu akka qabu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) hubachiise.

Komishinichi rakkoo nageenyaa naannoo Gaambeellaatti mudachaa jiru ilaalchisee ibsa baaseen waldhabdee keessatti uumamaa jiru hordofaa akka jiru beekisiseera. Namoota miidhaman, qondaaltoota nageenyaa, jiraattota naannichaa fi bulchiinsa naannicha waliin qunnamuun hordoffii gochaa akka ture ibseera.

Akka ibsa komishinichaan, naannicha keessatti bakkeewwan garaagaraatti haleellaa humnoota hidhatan raawwachaa jiraniin rakkoon nageenyaa uumamuun dhiittaan mirga namoomaa raawwatamaa jira.

Keessattuu baatii Caamsaa bara 2015 ALI irraa eegalee naannicha keessatti waldhabdee Aanaa Addaa Itaang keessatti uumameen gara waldhabdee sabootaatti jijjiiramuun gareen hidhattootaa Aanaa Addaa Itaang, Aanaa Goog, fi Aanaa Gaambeellaa fi kutaawwan naannichaa garagaraa keessatti haleellaan raawwataniiru.

Akka ibsa KMNItti, haleellaa kanaan walqabatee lammiileen nagaa hedduu ajjeefamaniiru, madaa’aniiru, qabeenyi isaanii barbadaa’eera. Akkasumas qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Haala nageenyaa irraa kan ka’e hanga ammaatti naannolee qaamaan dhaqqabamanii qorannoo gaggeessuu kan hin danda’amne ta’us, gandoonni muraasa sadarkaa guutumman guutuutti barbadaa’uu isaanii jiraattota wabeeffachuun ibseera. 

Naannoon Gaambeellaa yeroo baay’ee haleellaa garee hidhatee Sudaan Kibbaa irraa dhufaniin rakkoo nageenyaa isa mudata. Darbe darbees walitti bu’iinsi sabaaf sablammoota naannicha keessa jiraatan gidduus ni uumama. Naannicha keessa baqattoonni Sudaan Kibbaa irraa dhufan kuma 350 ta’an kaampii baqattoota keessatti qubatanii jiru.

Rakkoo nageenyaa naannichaa keessatti mudate walqabatee humni waloo Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa naannichatti bobbaafameera. Kunis naannicha hamma tokko tasgabbeessee sochiin idilee magaalaa Gaambeellaatti addaan citee ture akka deebi’ee eegalu taasiseera.

Haa ta’u malee, haleellaa fi walitti bu’insa naannicha keessatti yeroo adda addaatti mul’atu fi jiraattota irratti miidhaa guddaa geessisu kanaa dhaabbataadhaan furu fi jiraattonni sarbama mirga namoomaa dabalataa ittisuuf xiyyeeffannoo fi hordoffiin guddaan kennamuu qaba jedha komishinichi.

Kanaaf humnoonni nageenyaa naannichatti bobbaafaman itti gaafatamummaa mirkaneessuu, jiraattota walitti bu’iinsa naannoo sanaa baqataniif deeggarsa namoomaa barbaachisaa ta’e geessuu, akkasumas namoonni walitti bu’iinsa kanaan miidhaman tajaajila yaalaa barbaachisaa ta’e akka argatan haala mijeessuun barbaachisaadha jedhe. AS

Post Tags
No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.