Oduu: Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota ABO mana hidhaa jiran “hatattamaan” akka gadhiisu HRW gaafate

Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataan bara 2020 irraa eegale; Gadaa Gabbisaan ammoo bara 2021 irraa eegale mana hidhaa keessatti argamu

Finfinnee, Adoolessa 24/2023 –  Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) torba kan ajaja mana murtii malee seeraan ala waggoota sadiif mana hidhaa garaagaraa keessa tursiise “hatattamaan” akka gadhiisu dhaabbanni mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) gaafate.

“Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota paartii siyaasaa Oromoo torba sababa siyaasaatiif qofa ajaja mana murtii malee seeraan ala waggoota sadiif mana hidhaa keessa tursiise hatattamaan gadhiisu qaba,” ibsi HRW jedhe.

Qondaaltota Adda Bilisummaa Oromoo torba akka gadi lakkifaman gaafatame kunneen Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataati. Manni Murtiin irra deddeebiin akka hiikaman ajaja dabarsuus Poolisiin Oromiyaa ajaja darbe diduun jahaan isaanii bara 2020 irraa eegale, Gadaa Gabbisaa ammoo 2021 irraa eegale mana hidhaatti dararaa jiraachuu ibsichi addeesseera.

“Aanga’oonni poolisii namoota siyaasaa mormitoota Oromoo [ABO] himannaa malee hidhaa yeroo dheeraa fi gara jabeessa ta’e raawwachuun sirna haqaa Itoophiyaatti qoosaa jiru. Mootummaan Itoophiyaa hatattamaan gaadhiisuun hidhaan seeraan alaa hojiiirra akka hin oolle taasisuu qaba,” dabaltee jetteerti,”  itti aantuu daayreektara HRW damee Afrikaa Latishiyaa Baadar wabeeffachuun ibsichi gabaaseera.

Akka ibsichaatti, mootummaan sirna haqaa sirreessaa jiraachuu kan himu ta’us  hidhaan jumlaa fi namooota ilaalcha siyaasaa isaanii irratti hundaa’uun hidhuun jiraachuu HRW fi dhaabbilee mirgoota namoomaa biyya keessaa biroo galmeessaniiru. Taateen kuni haala sirni haqaa biyyattii keessa jiru ifatti kan mul’isa jedheera.

Poolisiin Oromiyaa hidhamtoota siyaasaa humnaan dhabamsiisuu, mana murtiittii osoo hin dhiyeessin tursiisuu fi maatii fi firoottan akka hin daawwatamnee taasisaa jiraachuu ibsichi ifoomseera.

Poolisiin Oromiyaa Abdii Raggaasaa ajjeechaa poolisiitiin shakkuun erga Guraandhala 2020 hidhamee booda maatii fi abukaatoon akka hin daawwannee dhoorkamanii jiraachuu ibsameera. Hoggantoota ABO jahan immoo ajjeechaa Haacaaluu Hundessaaatiin walqabatee Adoolessa 2020 keessa kan hidhee ture yoo ta’u mana hidhaarraa gara mana hidhaa biraattii raakaa tursiiseera jedhe. 

HRW ragaalee jiran kan akka maatii fi firoottan hidhamtootaa, abukaatoo, fi hogganaa ABO dubbisuun, waraqaa mana murtii fi galmee yaalii ilaale jedheen poolisiin Oromiyaa adeemsa seeraa cabseera jedhe.  

Akkaataa heerri biyyattii ajajuun hidhamtoonni siyaasaa mana murtiitiin bilisa ta’an akka gadhiifaman akka taasisu ministeera haqaa biyyatttiitiif HRW waamicha taasiseera.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haala qabiinsa qondaalota Adda bilisummaa Oromoo (ABO) mana sirreessaa keessa jiranii irratti mootummaa Naannoo Oromiyaa (MNO) wajjiin marii gaggeessuuf beellama qabachuu Addis Standard gabaasee ture.

Komishinichi haala qabiinsa hoggantoota, miseensotaa fi deeggartoonni ABO mana hidhaa jiranii hordofaa turuu hogganaa biiroo KMNI damee Jimmaa obbo Badhaasaa Lammeessaa yaadachiisuun gaggeessitoonni ABO torba ta’an ammas mana sirreessaa keessa jiraachuu ibsee ture.

ABO qondaalonni fi deeggartoonni paartichaa seeraan ala hidhamaa jiru jechuun mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman gaafachaa turuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.