Oduu: Bakka bu’oonni hawaasa dayaaspooraa Oromoo Ambaasaaddar Maayik Haamar waliin mari’atan

Maayik Haamar, Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa (Suuraa: MoFA)

Finfinnee, Adoolessa 22/2023 – Bakka bu’oonni hawaasa Oromoo biyya Ameerikaa keessatti jiraatan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta’e Maayik Haamar waliin mari’achuu Waldaa Hambaa Hoggansaa fi Falmaa Oromoo (OLLAA) beeksise. 

Bakka bu’oonni hawaasa Oromoo kunneen, mootummaan Ameerikaa qoqqobbii gargaarsaa mootummaa Itoophiyaa irra kaa’ee ture kaasuun isaa akka isaan gaddisiise Ambaasaaddar Maayik Haamariif himuu ibsichi addeesseera. 

Sarbiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa kana dabalaa yeroo jiru kanatti qoqqobbiin mootummaa Itoophiyaa irraa ka’e adeemsa sirrii kan hin hordofne ta’uu himaniiru. 

Maayik Haamar gama isaatiin, murteen qoqqobbii gargaarsaa kaasurra kan ga’ame odeeffannoo qaamolee biyya keessaa fi idil addunyaa irraa argameen, “keessattuu waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT gidduu mallattaa’e booda sarbiinsa mirgoota namoomaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu hir’achuu waan agarsiiseefi” jechu isaa ibsichi eereera. 

Kana malees bakka bu’oonni hawaasa Oromoo kunneen gaaffii “haqa ce’umsa keessatti gaheen Oromiyaa maal ta’a?” jedhu Ambaasaaddar Maayik Haamariif kaasu isaaniis eerameera. 

Bakka bu’oonni kunneen, mariin nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu taasifamaa ture danqamuu isaa ilaalchisee yaaddoo qaban Maayik Haamariif kan kaasan yoo ta’u, Maayik Haamar gama isaatiin dhimma kana irratti hawaasa dayaaspooraa deeggaruuf fedhii qabu ibseefi jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.