Seenaa Gabaabaa Dr Taaddasaa (Fidoo) Eebbaa

Finfinnee- Taaddasaa (Fidoo) Eebbaa (PhD), Aanaa Najjoo, Ganda Guduruu bakka addaa Qoxee Ginnasii keessatti, bara 1943 dhalate. Maatii qotee bulaa keessatti waan dhalateef loon tiksaa fi hojii qonnaa irratti hirmaachaa guddate. Dr. Taaddasaan, dura mana barnootaa Qeesitti galuun. Barnoota kan eegale yoo ta’u, sana booddee barnoota sadarkaa duraa mana barnootaa Swedish Evangelical Mission School Najjoo jirutti barate bara 1956 xumurate. Giddutti yeroo kutaa 7 baratu ji’a lamaaf hidhame ture. Barnoota sadarkaa 2ffaa, 9-12tti Jimma Agricultural Schoolitti barate. Barnoota sadarkaa 2ffaa akka xumureen Koolleejjii Qonnaa Haramaayaatti waggaa afur baratee, qabxii olaanaa fiduudhaan digirii tokkoffaa (BSC) argachuun bara 1965 eebbifame. 

Barnoota isaa akka itti fufuus carraa barnoota argateen USA, Yunivarsiitii Wisconsin State tti digirii isaa lammaaffaa (MSC) argachuudhaan eebbifame. Biyyatti deebi’uun Koolleejjii Haramaayaa barsiisuu eegale. Barsiisuun cinaatti qorannoo Saayinsii adda addaa godhaa ture. Qorannoo inni godhe hanga har’aatti bakka guddaa qabatee jiru Xaafii irratti qorannoo inni godheedha. Qorannoo Xaafii kana bara 1969 xumuruun kitaaba tokko barreesseera. Qorannoo inni gaafa sana jalqabeen har’a gosa Xaafii 3842 akka jiranii fi maqoota xaafii kan akka Daabii, Kara Debi, gea lamme, muri fi kkf moggaafamanii jiru.

Ammas carraa barnootaa argateen British Columbia University, Vancouver, Canada dhaqee barachuun, bara 1974 PhD eebbifame. Gara biyyaatti deebi’ee “Ethiopian Research Institute” keessatti qacaramuun hojii qorannoo itti fufe. ‘Ethiopian Gene Bank’ ykn ‘Plant Genetic Resource Center’ jedhamu bara 1976 dhaabuun hanga bara 1979 biyyaa bahutti hogganeera. Akeeki dhaabbata kanaa sanyii mukkeenii fi midhaanii walitti qabuun akka hin badneef ol kaa’uu fi akka ija gaarii godhatan qorachuudha. Dhaabbatni Dr. Fidoon hundeeffama isaa irratti qooda guddaa qabu kun har’a “Ethiopian Biodiversity Institute” jedhamuun beekama.

Dr. Fidoon hojiisaa gosa mukaa fi midhaanii walitti qabuu kanaan bakka dhaqetti seenaa fi aadaa Oromoo qorataa ture. Oromoon guyyooti 27 akka qabu, guyyootiin kun tokko tokkoon maqaa akka qaban qorate, kitaaba isaa Gadaa Melbaa jedhu keessatti barreessee jira.

Dr. Fidoon, yeroo inni barnoota PhD isaa xumuree biyyatti deebi’e yeroo ABO hundeeffamaa jiru waan tureef, innis hundeessitootatti dabalamuun qooda isa irraa eegamu kennuu jalqabe. Bara 1978, karoorri waraana bilisummaa Oromoo, Dirree Bahaa irraa gara naannoo Gudar-Ambootti dabarsuu akka karoorfameen Dr. Fidoon geejjiba qopheessuu keessatti hirmaate. Waraanni bakka jedhame gahee osoo haala hin mijeeffatiin oduun isaa mootummaa bira gahee humnootni tikaa yeroo qoratan kan geejjiba sana mijeesse Dr. Fidoo tahuu baranii qabanii Maa’ikalaawwitti hidhan.

Dr. Fidoon yeroo “Ethiopian Gene Bank” dhaabe gargaarsa mootummaa Jarmanii fi Siwudin irraa kennameen waan tureef, mootummootni kun lameen akka inni gadhiifamu dhiibbaa godhaniin hiikame. Dr. Fidoon hidhaarraa haa hiikamu malee tika dhaabbatana irra kaa’ame ture. Odeessa murtii deebifame hidhamu akka dhaga’een, sagantaa hojii gara Wallaggaa geessu baasuun haga magaalaa Kurmuk, daangaa Sudaan deemuu qopheessuun garas imale. Achumarraan utuu warri isa eegan quba hin qabaatiin miilaan daangaa cehee Sudanitti harka kenne.

Dr. Fidoon yeroo biyya Sudaan seenu Kaartum keessatti wajjirri ABO baname hojiin jalqabee waan tureef hogganoota achi turanitti dabalamee hojii eegale. Akka Sudaan seeneen maqaa “Gadaa Melbaa” jedhuun kitaaba “Oromia: A Brief Introduction to the history of the Oromo People” jedhamu barreesse. Yeroo biyya ture hojii ija mukkeenii fi midhaanii walitti qabuuf guutummaa biyyichaa keessa naanna’aa tureetti carraa seenaa, duudhaa fi aadaa Oromoo qorachu argate ture. Kitaaba kana dura afaan Ingiliziin barreessee booda afaan Oromootti hiikame. Kitaabni kun Oromoon eenyu akka ta’e, maddi dhaloota isaa, aadaa fi amantii isaa maal akka ta’e, Oromiyaan qabeenya akkamii akka qabdu fi seenaa Oromiyaa bifa salphaa ta’een barsiisa.

Dr. Fidoon, walgahii Jila Qabsaa’otaa bara 1988 dirree Dhihaatti godhame irratti miseensa Koree Giddugaleessa fi Waajjira Siyaasaa ta’ee filame. Gaafatamaa Damee Diinagdee ta’uun hojjachuu cinaatti, Waldaa Gargaarsa Oromoo (WGO-ORA) jabeessuu fi guddisuu keessatti qooda guddaa taphateera. Michuuwwan dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gargaaran horachuu irratti guddoo tattaaffateera. Suudanoota, akkasumas ummatoota hundeen isaanii Kush ta’an kan akka Nubiyaa fi Dungulaa faa barbaaduun wal baree akka ABO gargaaran godhaa ture.

Dr. Fidoon, hariiroo gaarii Suudanoota wajjiin uumametti dhimma bahuun bara 1988, baatii Waxabajjii keessa Suudaniin gaafatee daandii qilleessaa argamsisuun Raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) gadi dhaabeera. 

Dr. Fidoon bara 1988 irraa kaasee miseensa WJS ta’ee hoggana kennaa turee, Kora Hatattamaa 1998 booda hamma Kora Sabaa 3ffaa bara 2004 godhameetti miseensa Barcuma Yubaa ta’ee dirqama isaa bahaa ture. Kora Sabaa 3ffaa irratti miseensa Gumii Sabaa ta’ee filamee Damee Dantaa Alaa jalatti hanga bara 2012tti Gaafatamaa Hojii Dippilomaasii ta’ee hojjateera. Walgahii Gumii Sabaa bara 2010 godhame irratti miseensa Gumii Shanee akka ta’u sagalee guutuun filame. Akka kanatti Gaafatamaa Damee Dantaa Alaa ta’ee dirqama isaa baheera. 

Dr Fidoon, dirqama qabsoo itti kennamu raawwachuu qofa utuu hin taane dandeettii barreessuu qabuun maqootii dhiiraa fi dhalaa Oromoo 5000, hiikaa isaanii waliin yeroo dheeraadhaaf walitti qabaa ture, bara 2018 kitaaba “Moggaasa: Maqoota Oromoo fi Hiikota isaanii” jedhu maxxanse. Kitaabni kun maqooti Oromoo fi hiikaa isaanii tarresssuu qofa osoo hin taane maqaan maal akka ta’e, sirna maqaan itti moggaafamu, madda maqoota Oromoo, ayyaanota fi aadaa Oromoo gad fageenyaan ibseera.

Bara 2018 yeroo hogganni ABO biyyatti deebi’e Dr. Fidoon gara Asmaraa dhaquun hogganoota biroo waliin waggaa 27 booda biyyatti deebi’e. Bara 2020 jalqaba irratti biyya USAtti deebi’ee milli isaa dhukkubuu jalqabnaan yeroo ilaalamu dhukkuba kaansarii sammuu akka isa qabate itti himame. Dhukkuba kaansarii kanaan waggaa lama guutuu waldhaansoo qabaa turee, Caamsaa 1, 2022 du’aan boqote.


Hubachiisa Gulaalaa: Seenaan Kun Adda Bilisummaa Oromootiin barreeffame

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.