Hojjattootni Warshaa Biiraa Meettaa Abboo Meeshaalee Hatuun Shakkaman Hidhaman

Suuraa: Addis Fortune

Finfinnee – Hojjattootni Warshaa Biiraa Meettaa Abboo lakkoofsa isaani hin beekamne, warshaa keessaa meeshaalee adda addaa hatuun shakkaman hidhamuu Gaazexaan Kaappitaal gabaaseera. 

Warshaan Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Sabbataatti argamu kun gurguramee dhaabbata BGI jala erga galee booda meeshaaleen hedduun dhabamaa jiraachu barameera. Gaazexaan Kaappitaal akka gabaaseetti, hojjattootni hanna kanaan shakkaman to’annoo jala oolfamu jalqabeera. 

Bittaan warshaa hojjattoota 500 ol qabu kun torban lama dura Abbaa Taayitaa Dorgommii fi Eegumsa Fayyadamtoota Gabaa Itoophiyaatin erga raggaasifame booda guutumaa guutuun dhaabbata BGI Ethiopia jala galeera. 

Adeemsa bittaa ilaalchisee marii dhaabbileen lamaan giddu ture gara waggaa tokkoof turuus, adeemsicha irratti garuu bulchiinsi warshaa Meettaa Abboo bittaan eeyyamamuun dura warshicha gadhiisanii bahaniiru. Kunis hojjattoota dhaabbatichatti shakkii uumeera. Haalli kunis yeroo dhaabbatichi waa’ee ce’umsa jiru fi waa’ee bulchiinsa haaraa ilaalchisee callisuun isaa shakkiin hojjattootaa daran akka guddatu taasiseera.  

Warshichi kaappitaala gara birrii biiliyoona 11 ta’u kan qabu yoo ta’u, sababa rakkoo diinagdee yeroo ammaa kana isa mudateen gatii gadi aanaan gurgurame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.