Rakkoon Nageenya Lixa Oromiyaa Lammilee Kuma 500 Ta’an Buqqisuun Manneen Barnootaa, Dhaabbilee Fayyaa Hedduu Tajaajilaan Ala godheera-UNOCHA

Suuraa: UNOCHA

Finfinnee-Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessi Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA)  ibsa baaseen,Lixa Oromiyaatti bara 2022 keessa haleellaa fi walitti bu’iinsi hawaasaa waan dabaleef gargaarsi namoomaa haala hammataa keessa  jira jedhe

Akka ibsichatti, bara 2018 irraa jalqabee naannawa lixa Oromiyaa fi Benishaangul Gumuuz, Godina Kaamashii sababa nageenyaaf gara qe’ee isaanitti deebi’uu hin dandeenye  dabalatee jiraattonni 500,000’tti tilmaamaman buqqa’aniiru.

Hojjattootni gargaarsaa keessuumaa lammilee Itoophiyaa ta’an, naannolee walitti bu’iinsi turee fi gargaarsa namoomaa qaqabsiisuuf rakkisaa ta’e keessattillee deeggarsa qaqqabsiisaa akka jiran kan eeru ibsichi, Haa ta’uu malee  ”Bara 2022 keessa miiltowwaan keenya balaa nageenyaaf saaxilamaniiru, taateen dhukaasaa si’a lama irratti raawwatera,dararaa, yeroof hidhamuufi dirqiin akka  konkolaataa oofan taasifamaniiru,”jedhe.

Bara 2018 -2020 keessa walitti bu’iinsa hawaasaa Oromoo fi Gumuuz giddutti uumamee fi haleellaa humnoota nageenyaa akkasumaas qaamolee hidhataniin taasifamuun, gargaarsi namoomaa keessumaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Qeellam Wallaggaa akka hin qaqqabnee dhibbaa uumera.

Bara 2021 irraa eegalee, walitti bu’iinsichi  gara Wallagga Bahaafi Horro Guduruu akkasumas godinoota Shawaa Kaabaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Bahaatti babal’achuun buqqaatiin Oromiyaa keessaa akkasumas gara Naannoo Amaaraatti buqqa’uu dhaabbatichi  kan hime.

Dabalataan rakkoon nageenyaa sochii namoota gargaarsa namoomaa dalaganii keessumaa daandii Finfinnee – Naqamtee akkasumas hanga Asoosaa danquun deeggarsaa fi boba’aa baqattootaa fi godaantota kuma hedduu Asoosaafi Maa’oo Koomoo geessuuf rakkisaa akka ture eerera.

Gama kaaniin bakkeewwan Qeellam Wallaggaa yeroo dheeraaf dhaqqabuun rakkisaa ture amma dhaqqabamuu akkasumas bakkeewwan Wallagga Bahaa gara gadii dhaqqabameera. Rakkoon qaqqabiinsaa, deeggarsi ga’aan jiraachuu dhabuu fi dhabbileen deeggartootaa murta’oon qofti hirmaachuun deeggarsa namooma naannawa kanatti taasifamu daran miidhera.

Akka dhabbatni Hinqina Nyaata Madaalawaa Addunyaa (GAM)  jedhutti hammi hanqina nyaataa daa’imman umrii shan gadii 22%’tti ol guddachuu akkasumas dubartoota ulfaafi hoosisan ammoo 42%’tti guddateera.

Dhaabbileen deeggartootaa rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e keessumaa buskuutiwwaan annisaa olaanaa keennuu danda’anii fi daa’imman hanqina nyaataaf akka hin saaxilamne gargaaaru raabsuu akka hin dandeenye gabaasaa turaniiru. Rakkoon nageenyaa dhaabbileen  gargaarsa kennan daandii guddaa qofa  irratti  akka murtaa’an godheera. Kunimmoo kanneen Horro Guduruu Wallaggaatti buqqa’aniifi kumaan lakka’aman akkasumas kanneen Kaamashiirraa buqqa’an akkasumas hanga yoonaa hin galmoofne, deeggarsa malee hambiseera jedhe ibsichi.

Haleellaa fi walitti bu’iinsa kanaan,  qabeenyi ummataa waan manca’eef tajaajilli barnootaa, fayyaa, bishaan dhugaatiifi qulqullinaa rakkoon mudateera. Lixa Oromiyaatti buufataaleen fayyaa 426 saamichaafi mancaatiin tajaajila kennaan akka hin jirre gabaafameera. Wallagga Bahaatti manneen barnootaa 144 cufaa waan ta’anif barattootni 62,000 ol barumsa irraa hafaniiru.Haaluma walfakkaatuun Wallagga Lixaatti manneen barnootaa 184 cufaa waan ta’aniif barattootni 89,000 barnoota irraa danqamaniiru. Deeggartootni rakkoo nageenyaa fi dhorkiinsa biroof dhiyeessi fayyaa fi nyaataa deebisuu hin dandeenye jedhame.

Sababa daandiwwaan cuccufamaniif naannawa baadiyyatti gabaan danqameera, kanaanis giddu gala aanaalee keessatti rakkoon hanqina dhiyeessii muudataa jira. namoota gargaarsa fedhan bira geessuuf aanga’ootni rakkoo nageenyaa fi kan  bajata/loojistikii qabu kan jedhe ibsichi hojjattootni deeggarsaa, bakkeewwaan rakkoon nageenyaa jiru dabalatee, bakkewwan dhukaasni fi doorsisni jiru akkasumas haleellaan Ambulaansii fi fayyaan wal qabatuuf socho’an irratti taasifamuttillee deeggarsa isaanii itti fufaniirus jedhe.

Erga baatii dhiyooti asitti,gochootni yakkaa naannawa  dhiha Oromiyyaatti heddummataa kan jiru yoo ta’u, keessumaa daandii Amboo-Naqamteetti ukkaamsaa fi saamichi konkolaataa mul’ataa jiraachuu eere ibsi  Dhabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbatni Qindeessa Dhimma Gargaarsaa namoomaa kun.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.