Dhaabbatni Gabaa Oomishaa Itoophiyaa Hojjattootni Hidhamanii Turan Hiikamuu beeksise

Iteenash Abarraatin @EtenbeshAb 

Finfinnee – Hogganaan biiroo Kominikeeshinii Dhabbata Gabaa Oomishaa Itoophiyaa (ECX) akka Addis Standarditti himetti, hojjattootni damee dhaabbatichaa ja’a himata tokko malee hidhamanii turan Sanbata darbe hidhaa ba’aniiru. Waajjiraaleen dhaabbatichaa damee kanneenii ammayyuu cufamanii kan jiran yoo ta’u, dameewwaan cufamanii turan ifatti banuudhaaf mariin taasifamaa jiraa jedhe Tasfaayeen.

Hoji gaggeessaan Dhaabbata  Gabaa Oomishaa Itoophiyaa damee Gimbii Lamma Bafiqaaduu,akka Addis standarditti himetti, hojjattootni dhaabbatichaa hidhaman [Isa dabalatee] adeemsa seeraa tokko malee wabiin mana hidharraa ba’aniiru. “Qorannoon tokko otoo nurratti hin taasifamiin guyyaa sagaliif turre,mana murtiittis hin dhiyaanne. Waanti qaamolee nageenyaan nutti himame, hidhamuun keenyaas hiikamuun keenyaas ajaja anga’oota olaanoon akka ta’eedha.” jedhe.  Itti dabaluunis, hanga yeroo bilbilaan yaada isaa Addis standardiif kennutti biiroon isaa cufaa ta’uu himeera.

Dhimma kana ilaalchisuun yaaliin Addis Standard Qondaaltotaa Poolisii dubbisuuf taasise hin milkoofne. 

Dhaabbatni Gabaa Oomishaa Itoophiyaa dameewwan isaa jaha Mattuu, Gimbii, Jimmaa, Beddellee, Naqamtee fi  Adaama humnoota nageenyaan cufamuu fi hojjattootnis sababa hin beekamneen hidhamuu Addis standard dhiyeenya kana gabaasuun isaa ni yaadatama.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.