Warshaaleen Simmintoo Bakka Bu’oota Oomisha fi Raabsitoota Sirna Gabaa Keessaa Akka Baasan Ajajaman

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee, Caamsaa 11/2022 Warshaaleen Simmintoo bakka bu’oota (Agents) oomisha isaaniif raabsan sirna gabaa keessaa baasanii oomisha isaani kallattiin akka gurguran Ministeerri Gabaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa ajaja dabarse. Ministeerichi xalayaa warshaalee simmintoo kudhaniif barreesseen warshaaleen kunneen maqaa fi lakkoofsa bakka buutota isaani sirna gabaa keessaa baasan akka beeksisanis hubachiiseera.  

Xalayaan kamisa torban darbe barreeffamee mallattoo Deetaa Ministira Hasan Mohaammadiin bahe daldaltoota “Warshaaleen simmintootti bakka bu’ummaan filamneerra” jedhanii fi eeyyama daldala jumlaa qaban simmintoo kana daldaltoota jumlaa biroof gurguraa akka jiran baramu ibsa. Kunis rageeffama Labsii Galmee Daldalaa fi Eeyyama lakkoofsa 980/2008 kan cabsu waan ta’eef ajajni kun darbeera. 

Deetaan Ministiraa Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Hasan Mohaammad Gaazexaa Rippoortariif akka himeetti, Miniteerichi cancala gabaa gama simmintoo irra jiru gabaabsuuf hojjachaa kan jiru yoo ta’u, kanneen bakka bu’ummaa qabna jedhan cancala kana kan dheerassanii fi seeraanis kan hin deeggaramne akka ta’an beeksiseera. Kana malees amma booda warshaa simmintoo raabsuuf bakka bu’aa fayyadamu yoo argame tarkaanfii jabaa akka irratti fudhatamu ibseera. 

Kanaan dura warshaaleen kun bakka bu’aa oomisha isaanif raabsu ofi isaani kan filatan yoo ta’u bakka bu’oota kunneen ala daldaltoota jumlaa kallattiin warshaarra bituu hin danda’an. Kunis hanga fayyadamtoota bira gahuutti marsaa sadiin daballii gatii akka irratti taasifamu godha. Amma booda garuu adeemsa gabaa simmintoo giddu seentummaa qaama kamiyyuu ala daldaltootni jumlaa kallattiin warshaa simmintoorraa oomisha fudhachu danda’u jedhe, Haasan. 

Dabalataan Ministeerichi haala gabaa ilaaluufi to’achuuf jecha warshaaleen Simmintoo odeeffannoo baatilee saglan darban keessa oomisha hammam akka oomishanii fi eenyuuf akka raabsan ibsu akka dhiyeessan ajajamuus dubbateera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.