Google Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24 tajaajila Afaan Hiikuutti dabale

Finfinnee: Google tajaajila afaan hiikuu (Google Translate) Afaan Oromoo dabalatee afaanota 24n (namoota miiliyoona 300 oliin kan dubbataman) tajaajila kennuu eegaluu isaa beeksise. Afaanota tajaajilli hiikkaa ittiin jalqabame kana keessaa kudhan afaanota Afrikaati. Afaan Oromoon ala Afaanotni Afrikaa keessatti dubbataman kan tajaajila kana kennuu eegalan Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.

Tajaajila hiikkaa afaanii dirirfameen waggootaaf garaagarummaa afaanii dhiphisuun hawaasa addunyaa mara walqunnamsiisu irratti gahee olaanaa taphachaa akka ture kan ibse dhaabbatni Google, amma boodallee hawaasa afaan isaani Teknoolojii irratti bakka bu’ummaa hin arganne gargaaruuf nan hojjedha jedhe.

Afaanota amma tajaajila eegalan dabalatee waliigalaan afaanota 133 tajaajila hiikkaa afaanii kana irratti akka hammataman beeksiseera, dhaabbatichi. Afaanotni amma dabalaman kun boqonnaa teknoolojii olaanaa akka agarsiisan kan ibse dhaabbatni Google, modeela maashinii fakeenyaan ala hiikuu danda’u akka fayyadame ibseera. Kunis Afaanota nama Kompiitara leenjisuu fi hiikkaa sassaabee gara kuusaatti isaanif galchu hin qabneef ni gargaara jedhe. Haata’u malee teknoolojichi dogoggora irraa bilisa akka hin taane fi sirraa’aa akka deemu ibsameera. AS 


No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.