Naannoo Somaaleetti Sirna Muudaa Hoggansa Gosa Akiishoo Irratti Haleellaa Humnootni Hidhatan Gaggeessaniin Namootni 11 Ajjeefamuu KMNI Beeksise

Finfinnee, Caamsaa 12/2022: Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa baaseen, Naannoo Somaalee keessatti sirna muudaa hoggansa gosa Akishoo irratti humnoota nageenya naannichaa fi namoota hidhatan “humna garmalee” fayyadamuun haleellaa gaggeessaniin miidhaan akka qaqqabe beeksise. Mootummaan Naannichaa namoota miidhaan irra qaqqabe dabalatee maatii miidhamtootaaf beenyaa kan kaffale ta’ullee, qaamoleen yakkicha irratti hirmaatan seeratti dhiyeeffamanii haqni mirkanaa’u akka qabu hubachiiseera.   

Haleellaa kun Bitootessa 20 fi 21 bara 2022 magaalaan Jigjigaarraa kiiloo meetira 50 fagaattee Godina Faafaan, Aanaa Gursum keessatti argamtu magaalaa Bombaa keessatti raawwatame. Maddeen naannichaa Addis Standard yeroos dubbise yoo xinnaate namoota 8 du’uu fi miidhaan gahee sana caaluu akka malu ibsanii turan. Gabaasni Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baasee namootni 11 ajjeefamaniiru jedhe. Gabaasichi kan qindaa’e Komishinichi odeeffannoo duraa isa qaqqabee garee hundeesse gara iddichaa erga ergeen booda.    

“Waliigalaan, haleellaa guyyaa lama humnoota nageenya naannichaa fi namoota hidhataniin raawwatameen, kanneen hidhattootaan ajjeefamanii fi itti fayyadama human garmalee humnoota nageenya mootummaatin ajjeefaman dabalatee namootni 11 lubbuu isaani dhabaniiru,” jedhe Komishinichi. Itti dabaluun, yoo xinnaate namoota dabalataa 33 irratti miidhaa ulfaataa fi salphaa akka irra gahee fi agarsiisawwan amansiisoo itti fayyadama humna garmalee akka ture mul’isan jiraachu ibse. 

Komishinichi namoota taatee kana ijaan argan, miidhamtoota, maatii miidhamtoota fi jaarsolii biyyaa dhuunfaattis ta’e gareen dubbisuun qorannoo kan gaggeesseera. Akkasumas maddeen Hospitaala irraa odeeffannoo sassaabuu fi aanga’oota Naannichaa dhimmicha irratti yaada laachuun hayyamamoo ta’an dubbisuun qorannoo kanaaf akka galteetti fayyadameera. 

Miidhamtoota torba mana jireenya isaani Ganda Bushmaan keessa argamutti, akkasumas miidhamtoota shan Hospitaala Waliigalaa Jijjigaatti wal’aansa argachaa jiran daawwachuu fi dubbisuun ragaa dabalataa argameera. Kana malees, gareen qorannoo kun magaalaa Bombaas keessatti iddoo awwaalcha jumlaa namoota haleellaa guyyaa jalqabaan ajjeefamanii fi awwaalcha dubartii guyyaa lammaffaa irratti ajjeefamte daawwateera.    

Haata’u malee, gareen Komishinichaa waajjira Pireezidaantii naannichaa fi Komishinii Poolisii naannichaa dubbisuus, yaalii humna addaa naannichaa, waajjira nageenya naannichaa akkasumas waajjira nageenya aanaa Gursum qunnamuuf taasifame waan hin milkoofneef yaadni isaani gabaasicha keessa akka hin galle ibsameera.  

Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Dr. Daani’eel Baqqalaa, “Mootummaan naannichaa miidhamtoota fi maatii isaanif beenyaa kaffaluuf yaaliin taasise kan jajjabeeffamu ta’uus, dabalataan itti gaafatamummaa fi haqni akka mirkanaa’u, akkasumas gara fuulduraatti sarbiinsa mirga namoomaa kanaan walfakkaatu akka hin raawwatamneef qorannoon yakkaa jalqabamu qaba,” jedhe. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.