Oduu: Itoophiyaatti Namootni 12 Dhibee Maariyyee Jaldeessaa (Monkey Fox) Shakkamanii Adda Baafaman

Suuraa: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

 

Finfinnee, Waxabajjii 2/2022- Itoophiyaatti namootni 12 dhibee Maariyyee Jaldeessaa (Monkey Fox) shakkamanii adda baafamuufi, saamuudnis fudhatamee Naayijeeriyaatti ergamuu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa ibse jechuun DHPI gabaase. 

Hogganaan biirichaa Dr. Mangistuu Baqqalaa ibsa miidiyaaf kenneen, Maariyyeen Jaldeessaa wayita ammaa biyyoota 33 keessatti mul’achuu eerun, Itoophiyaatti hanga yoonaa mul’achuu baatus gamanumaa ofeeggannoon taasifamaa jira jedhe.

Keessumaa dhibichi biyya  Yunaayitiid Arab Emireetitti mul’achuunsaafi sosochiin garasitti taasifamummoo ho’aa ta’uusaatiin shakkiin biyya seenuu danda’a jedhu jiraachuu himu.

Akka biyyaatti hojiin dursanii ofeeggachuu eegalamuu ibsan. 

Dhibichi harki caaluu torban lamaa hanga ji’a tokkoo gidduutti ofiin kan fayyu tahu ibsuun  dhibeen kun tuttuqqaafi dhangala’aatiin kan daddarbu waan taheef hawaasni maloota ittisa Covid-19f fayyadamuun akka irraa ofeegu dhaame.

Mallattoowwan dhibichaas dhanna gubuu, mataa bowwuu, harka, miilaafi fuularratti waan akka cittoo yaa’uufi kkf ta’uu himee, namni mallattoowwan kanneen ofirratti arge hatattamaan gara mana yaalaa akka deemu hubachiise.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.