Oduu: Riqicha Godinaalee Lama Naannoo Oromiyaa fi Somaalee walqunnamsiisu waggaa Lamaan Booda Suphame

Finfinne, Waxabajjii 2/2022- Riqicha Godina Gujii Bahaa fi Naannoo Somaalee Godina Daawwaa walqunnamsiisu irra deebiin ijaarame bakka aanga’oonni olaanoon godinaalee lamaanii argamanitti eebbifamuu gabaafame. 

Riqichi kun bara 2019 miidhaa rooba cimaa godinaalee lamaan keessa roobeen irra gaheen tajaajila kennu dhaabee ture. Bulchaan itti aanaa Godina Daawwaa Mohaammad Qayyuu, banamuun riqicha kanaa gama walitti dhufeenya hawaasa gidduu, sochii gabaa fi geejjibaa irratti faayidaan isaa guddaadha jedhe.   

Riqicha Gaaluun – Malkaa – Gubaa, Aanaa Hudaat (kan Godina Daawwaa) fi Nagellee (Godina Gujii Bahaa) waliin walqunnamsiisu walitti dhufeenya fi hariiroo naannoo Somaalee fi Oromoof faayidaa guddaa akka qabu Ugaa (Sulxaanotni), Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa sirna eebbaa riqicha kana irratti argaman dubbataniiru. Kana malees miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hojjattoota Nageenya Naannichaa sirna kana irratti argamaniiru. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.