Oduu: Konkolaachisaan Namoota 21 Ambulaansiin Seeraan Ala Gara Sudaan Seensisuuf Yaale Mana Murtii Dhiyaate

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee, Waxabajjii 03/2022 – Konkolaachisaan Ambulaansii Waajjira Fayyaa Aanaa Qu’aaraa namoota 21 Naannoo Oromiyaa fi Sabaaf Sablammoota fi ummattoota Kibbaa irraa dhufan fe’ee seeraan ala gara Sudaan ceesisuuf geejjibsiisaa ture irratti himata daddabarsa namootaa seeraan alaa fi malaammaltummaan himatamuu waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Qu’aaraa beeksise.

Konkolaachisaan Nugusee Mokonnin jedhamu kun Caamsaa 14, 2014 halkan keessa sa’aatii 8:00 irratti Ganda Kinibiitti namoota kana faddaaltota irraa fudhachuun konkolaataa ambulaansii tajaajila dahumsa dubartootaaf ooluun fe’ee gara Sudaan geessuuf imalaa osoo jiru magaalaa Galaguu bakka Alamuu Bar jedhamutti keellaa sakatta’iinsa cabsee darbuun isaa ibsameera. 

Kanaafis humnootni nageenyaa dhukaasuuf akka dirqaman kan ibse Qajeelchi Haqaa Godina Gondar Lixaa, qabeenya irrattis miidhaan qaqqabu beeksiseera. Konkolaachisaan kun namoota kana gara bosona fi mana duwwaa geessuun dhoksuuf yaaluus hordoffii humnoota nageenyaatin namoota geejjibsiifamaa jiran waliin to’annoo jala ooleera.

Himatamaan kun Caamsaa 25 Mana Murtii Olaanaa Godina Gondar Lixaatti dhiyaatee yakka jedhame kana hin raawwanne jechuun haaleera. Abbaan Alangaa gama isaatiin himatamaan yakka kana raawwachuu isaa ragaa namaa fi sanadaan mirkaneessee himata lama, namoota seeraan alaa daddabarsuu fi malaammaltummaan akka irratti bane ibsuun ragaa qabu mana murtiitti dhageessifateera. Manni Murtiis galmicha qoratee murtoo laachuuf  Waxabajjii 02, 2014tti beellameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.