Oduu: Hongeen Aanaa Fantaalleetti Muudate Siyaasaan Golgamee Uummata Karrayyuu Miidhaa Jira

Naatinaa’eel Fiixee tiin

Finfinnee, – Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti hongeen ji’ootaaf ture hanqina nyaataa uumuun hawaasa rakkoo guddaadhaaf saaxilee jira jedhu jiraattotni. Hongeen kun erga naannichatti mul’ate ji’oota hedduu darbuus sababa walitti bu’iinsa daangaa fi ajjeechaa Abbootii Gadaatiin walqabatee xiyyeeffannoo argachu malu dhabee daran hamaachuun hawaasni beela hamaaf saaxilamuu jiraattootni Addis Standarditti himaniiru.

Amajjii darbe jiraattotni aanaa Fantaallee hawaasni Karrayyuu fi beeladootni hongeedhan miidhaaf saaxilamuu akka jalqaban  Addis Standard gabaase ture.

Haa ta’u malee walitti bu’insi daangaa Naannoo Amaaraa aanaa Minjaar Shankoraa fi ajjeechaa Tuuta Abbootii Gadaa karrayyuu Mudde keessa raawwatame hongee kana akka dagatamu taasisus hongeen kun  daran hammaate akka jiru jiraattotni Aanaa Fantaallee Addis Standard dubbise himaniiru.

Jiraataan Aanaa Fantaallee sababa nageenyaan maqaa isaa akka eeramu hin barbaanne tokko rakkoo walxaxaa jiraattota muudate, “Hongeen baranaa kun adda, baay’ee nu dadhabseera. Yeroo ammaa kana Ganda Haroo Qarsaa fi Ilaalaa dabalatee gandi afur guutummaa guutuutti qe’ee isaarra hin jiru. Hongeen baay’ee cimee humnaa ol ta’eennaan kun asiin gara Aanaa Boosatitti, kun ammoo asiin galabaa shonkooraa barbaacha gara Warshaa Sukkaara Matahaaraa baqateera.” jechuun Addis Standarditti hime. 

“Yeroo ammaa kana Ganda Haroo Qarsaa fi Ilaalaa dabalatee gandi afur guutummaa guutuutti qe’ee isaarra hin jiru.”

Jiraataa Aanaa Fantaallee

Hongeen kun erga mudate ji’a shanii ol  lakkoofsisu kan himu jiraataan kun hanga ammaatti roobni waan hin roobneef hongicha daran ulfaataa taasisu hima. “Bonichi baay’ee cimaadha, Aduunis humnaa ol ba’ee horiinis waan nyaatu hin jiru. Horiin akkuma namaatti waan akka baala, marga fi cidii itti bitame qallabamaa jira. Uummatni ammoo waan ittiin bitate nyaachifatu dhabee rakkachaa jira.” jedhe.  Itti dabaluunis, “Gandeen jalliisiirra jiran yoo fooyyee qabaatan malee kan hin miidhamiin hin jiru. Waaqarraa abdii hin kutatan malee kan bara darbe irraa walbira qabame yeroo ilaalamu ganna dhufutti waan roobni roobee horii kana fayyise bakkatti deebisu nutti hin fakkaatu.” jedhe.

Jiraataan Aanaa Fantaallee biraa, Fayyisaa (maqaan sababa nageenyaaf kan jijjiirame) gama isaatin hongeen baranaa kan bara 1994 uumame ture irraa hamaa akka ta’e hima. Gandoota 18 Aanaa Fantaallee keessatti argaman hundu hongee kanaan miidhamanii godaansa guddaa uumamu hima. Uummatni Aanaa Fantaallee dhiisee Aanaa Boosat keessatti lafa duraan Dongorree jedhamurra qubatanii akka jiran, akkasumas kanneen rakkoo baqatanii godaanaa jiran keessaa muraasa humnaan gara waraanaatti bobbaafamaa jiraachu hime.

Hongeen hammaatus walitti bu’iinsa daangaan walqabate mudachaa jiru fi ajjeechaa Abbootii Gadaatiin walqabatee dhiibbaan hawaasa Karrayyuu irratti uumame miidhaa hongeen geessisaa jiru akka hin dandamanne taasisaa jira jedhu jiraattotni. 

Walitti bu’iinsa daangaa Karrayyuu fi Minjaar Shankooraa giddu uumame ture hongee daran akka hammeesse hima jiraataan aanaa Fantaallee sababa nageenyaan maqaa isaa akka eeramu hin barbaanne,  “Gandeen haroo qarsaa, Xuxxuuqii fi Ilaalaa dabalatee lafa Qorkee jedhamtu warri Minjaar keenya jedhan guutummaa guutuutti uummanni gadhiiseera. Ji’a sadi oliif margi akkuma margeetti jira. Osoo margi fi bishaan jiru sababa walitti bu’iinsaan horiin waan nyaatu dhabe du’aa jira. Rakkoon hongee jennu kunis irra caala rakkoo daangaa waliin walqabata.” jedhe. 

“Gandeen haroo Qarsaa, Xuxxuuqii fi Ilaalaa dabalatee lafa Qorkee jedhamtu warri Minjaar keenya jedhan guutummaa guutuutti uummanni gadhiiseera.”

Jiraataa Aanaa Fantaallee

Fayyisaanis rakkoon nageenyaa daangaa Naannoo Amaaraa fi Affaar jiru hongeen baranaa akka hammaasse dubbata.  “Loltoota maqaa ‘Faannoo’ jedhuun mootummaan Naannoo Amaaraa daangaa ceesisuun bobbaase lafa Qorkee jedhamtu irratti qubatanii uummatni akka hin sochoone fi horiin achi siqee akka marga fi bishaan hin arganne waan waraana itti bananiif uummatni lafa dheedumsa margaa gadhiise gara warshaa sukkaaratti godaane,” kan jedhu jiraataan kun, miidhaan hawaasa irra gahaa jiru humnaa ol fi  tilmaamaan hagana jechuuf rakkisaa ta’uu hima. 

Ajjeechaan Abbootii Gadaa miidhaa hongee daran hammmeese jedha dhalataan Aanaa Fantaallee, kan magaalaa Matahaaraa keessa jiraatu Roobaa Ibraahim (maqaan isaa sababa nageenyaan kan jijjiirame). “Uummatni duraan Abbootii Gadaa ija godhatee horii eegsifataa. Erga isaan dhumanii booda garuu mootummaanis isin shororkeessaadha walitti qabamtan jedha, uummatnis sodaatee dheessaa jira.”

Ajjechaan Abbootii Gadaan booda ilaalchi mootummaan uummatichaaf qabu badaa akka ta’ee fi innis carraaqqii uummatni hongee dandamachuuf taasisu danqee jira  jedhe Roobaa. “Erga isaan du’an siyaasumni biyya kanaa Karrayyuu irratti cime. Dhiyooma kana Aanaa Boosat keessatti ijoollee umurii 18 gadi shan sababa hongeetin Aanaa Fantaallee irraa godaantee horii tiksitu miseensotni Humna addaa Oromiyaa  qabanii fuudhan. Namni tokko du’e bosona keessa argame, warri kaan eessa akka jiran hin beekamu. Ijoolleen siyaasaafillee hin geenye kana humna addaatu fudhate ajjeese. Isa du’e uummatni walitti yaa’ee awwaale, warri kaan garuu hanga ammaatti eessa akka jiran hin beekamu” jedhe.

“Uummatni duraan Abbootii Gadaa ija godhatee horii eegsifataa. Erga isaan dhumanii booda garuu mootummaanis isin shororkeessaadha walitti qabamtan jedha, uummatnis sodaatee dheessaa jira.”

Roobaa Ibraahim, Jiraataa Aanaa Fantaallee

Hawaasni Karrayyuu gaaga’ama kana hunda keessa otoo jiruu birmannaa dhabe jechuun komatu jiraattotni aanaa Fantaallee.

Yeroo  ammaa kana uummata hongeen miidhame kanaaf deeggarsa namoomaa tokkollee godhamaa akka hin jirree dubbata Roobaan kun. “Namni kottaa bishaan dhugaa jedhullee hin jiru. Nyaata horiis namni ummataaf fidu hin jiru. Uummatni hongeedhaan miidhame bira dhaabbachuun barbaachisaadha namni jedhu hin jiru. Mootummaanis hin dubbatu, qaama biraa gargaarsa godhu hin jiru. Uummatni qobumasaa rakkachaa jira.”

Mootummaan gargaarsa dhorkuun uummatni akka adabamuu taasisaa jira jedhu jiraattotni. “Bulchiinsi aanichaa rakkoo siyaasa amma jiru walqabsiisanii qaamni deeggarsa godhu kamuu akka hin seenne dhorkan. Hanga isin adabamtanitti sochiin tokko hin jiru nuun jedhan. Abbootii magaalattii waamanii ammoo isin waliin jirra jedhanii ni sobu, gara baadiyyaatti yoo bahan ammoo uummatatti dhaadatu,” jedhe Roobaan.   

Kanaafis Mootummaan dhaabbileen miti mootummaa akka gara sana hin sochoone dhorkaa jiras jedhu. Rakkoo hongee mudate kanaaf marga bakka biraarra fidu yoo mootummaan dadhabe dhaabbileen miti mootummaa kanaan dura naannicha keessa socho’aa turan kan akka Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa Pirojeektii Labata Fantaallee jedhamu sababa rakkoo nageenyaan karaa dhabanii rakkachaa jiranif karaan baname horiin akka baraaramu gaafachuu kan himu Roobaan, gaaffii dhiyeessanif deebii argatan garuu dhorkii ta’u hima.

“Bulchiinsi aanichaa rakkoo siyaasa amma jiru walqabsiisanii qaamni deeggarsa godhu kamuu akka hin seenne dhorkan. Hanga isin adabamtanitti sochiin tokko hin jiru nuun jedhan. Abbootii magaalattii waamanii ammoo isin waliin jirra jedhanii ni sobu, gara baadiyyaatti yoo bahan ammoo uummatatti dhaadatu”

Roobaa Ibraahim, Jiraataa Aanaa Fantaallee

Fayyisaan gama isaatin deebiin mootummaarraa argamees akka hin jirre, akkasumas gargaarsi namoomaa tokkollee akka hin jirre dubbate. “Yeroo hongee bara 1994 uumame ture mootummaan marga, cidii fi bishaan uummataaf dhiyeessuun gargaaraa ture. Amma garuu wanti tokko hin jiru, uummatni du’aa jira. Darbe darbe bishaan muraasa dhiyeessu ala waa tokkollee hin jiru. Dhaabbata bishaan roottootin dhiyeessuuf tattaafataa jiru ala dhaabbileen dhuunfaa gargaarsa qaqqabsiisanis hin argine. Dhaabbatni sunuu sababa rakkoo nageenyaatin bakka baay’ee geessu hin dandeenye. Hanga ammaatti wanti nuti quba qabnu isuma qofa.”  

Itti gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa Aanaa Fantaallee Taliilaa Gabayyoo gama isaatiin erga hongeen kun mul’atee  baatii Onkololeessa irraa kaasee hanga Bitootessatti haftee shonkooraa gubate warshaa sukkaara Matahaaraa irraa fudhachuun horiif laatamaa turu ibsuun, yeroo ammaa kana garuu warshichi shonkooraa gubu waan dhaabeef gaaga’ama guddaa keessa jiraachu dubbate. “Yeroo ammaa kana warshichi shonkooraa gubachuuf gahe waan hin jirreef gubuu dhaabeera. Carraan qabnu isuma qofa waan tureef amma Gandi 18 rakkoo guddaa keessa jira. Hanga baatii torbaffaatti abbootii qabeenyaa waliin ta’uun hamma danda’ameen galabaa shonkooraa dhiyeessaa turre, amma garuu baatii saddeettaffaa irraa kaasee horiif waan dhiyeessinu tokkollee hin jiru.” jedhe.

“Haalli jiru humna keenyaa ol waan ta’eef waajjiraaleef beeksisnee deebii eegaa jirra,” jedhe.  

Taliilaa Gabayyo Itti gaafatamaa Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa Aanaa Fantaalle

Kana malees waajjiraalee Godinaa fi Naannoo dhimmichi isaan ilaallatu dabalatee waajjiraalee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran, akkasumas dhaabbilee miti mootummaaf xalayaa barreessuun haalli hongee yeroo ammaa jiru baay’ee sodaachisaa akka ta’ee fi furmaata atattamaa akka barbaadu beeksisu himeera. “Haalli jiru humna keenyaa ol waan ta’eef waajjiraaleef beeksisnee deebii eegaa jirra,” jedhe.  Dabalataanis lakkoofsa namoota fi horii hongee kanaan miidhamaniis hin qabus jedhe.

Baatii shaniin  Itti gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa balaa duraanii Gaaddisaa Barcoo Gandoota 18 aanaa Fantallee keessa jiran keessa kanneen jallisiin laga Awaash keessa darbuu muraasarraan  kan hafe  gandoota hunda keessatti beeladootni hongeen miidhamuu jalqabaniiru jedhee ture. Beeladootni baay’een marga dheedumsaa akkasumas bishaan waan dhabaniif huuqqachuun of dadhabuu, iddoo tokko tokkottis du’aa jiraachu himee ture.Kana malees gandoota tokko tokko keessatti baatii Amajjii keessa beelli mul’achuu Addis Standaditti himee ture.  

Dhimma kana irratti bulchaa Aanaa Fantaallee fi Itti aanaa komishiinara Komishinii Sodaa Balaa Oromiyaa Garramuu Oliiqaa argachuuf yaalii irra deddeebiin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.