Oduu: Weellisaa Oromoo Damissoo Moosisaa bakka buteen dhabame, maatiin garuu poolisii Oromiyaa ajjeechaa murtii maleetiin himatan

Damissoo Moosisaa

Finfinnee, Sadaasa 15,2022 – Weellisaa Oromoo Damissoo Moosisaa erga waggaa tokko oliif to’annoo poolisii Oromiyaa jala turee booda bakka buuteensaa kan dhabame yoo ta’u maatiin weellisichaa garuu poolisiin Oromiyaa murtii malee akka ajjeese quba qabaachuu Addis Standarditti (AS) himaniiru.

Damissoo Moosisaa humna poolisiin Oromiyaatiin kan to’atame Waxabajjii 06, 2021 eebba kitaaba hiriyaasaa magaala Naqamteetti godhameratti argamee yeroo xiqqoo booda ture. Sababa poolisiin iddoo inni jiru dhoksee tureef ergasii eessa buutee weellisichaa kan hin beekamne ta’uu miseensi maatii tokko himeera.

Miseensi poolisii Oromiyaa maatii waliin quba wal qabu tokko weellisaan kun kan ajjeeefame ta’uu akka itti hime miseensi Maatii Addis Standard dubbise kun ni hima.

Miseensi poolisii kun akka maatiitti himetti taanaan, Damissoon hidhamaa biraa tokko wajjiin gara mana hidhaa Arjoo Dhidheessaatti argamuutti jijjiramuun ji’oota sadii ykn afur dura achiitti ajjeefame.

Hiriyaa fi waahila hojii Damissoo kan ta’e namni biraa maqaansaa akka ifa ta’u hin barbaadne tokko akka AStti himeetti, maatii fi hiriyootni weellisichaa yeroo dheeraaf eessa buuteesaa barbaadaa turan.

“Maatiinsaa barbaadaa turan, poolisii Oromiyaa irra deddeebi’anii gaafataniiru. Tasa yoo gara mana sirreessaa biraa fudhatame jedhanii shakkuun Finfinnee dhaqaniis barbaadaniiru. Haata’u malee, wanti isaan argatan tokkoyyuu hin turre,” jechuun hima.

Ajjeefamuun isaa maatiitti haa himamu malee reeffii weellisichaa hanga amma kan hin argamiin ta’uus hima.

“Sababa inni to’atameef hin beeknu ykn yakkii poolisiin ifatti ittiin banes hin jiru,” kan jedhe hiriyaadhuma Damissoo kana.

Dammisoon weellisaa fi waloo lafaa dhufaa yoo ta’u, Albama lafee dhugaaf cabe jedhamu akka qabu hiriyaan isaa kun himeera. Sirboota ergaa qabsoo qaban hojjete keessaa ‘haa birmannu kaanee’ kan jedhu viidiyoon dabaalee qopheesse. Battala albamna isaa gadi lakkifameen doorsifni adda addaa isa qaqqabaa ture jedhu hiriyaa fi miseensi maatii.

Sadaasa 06, 2022, looltoonni WBO mana hidhaa magaala Naqamtee, goda hambaa Kumsaa Morodaa keessatti argamu humnan cabsuun hidhamtoota dhiibbaan lakkaawwaman gadi lakkisuu isaanii himuu booda waa’een achi buutee weellisaa kana dubbii ijoo kan ta’e.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.