Oduu: Lolahidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduutti Naqamteetti godhameen lammiileen nagayaa ajjeefaman

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee Sad 09,2022 – Waraana cimaa loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti guyyaa Dilbataa Sadaasa 6 Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti godhameen lammiileen nagaa kan ajjeefaman ta’uu jiraattoonni Addis Standarditti himan.

Waraanichi kan eegale sababa miseensonni WBO lakkofsaan hedduu ta’an magaala Naqamtee seenuun walakkaa magaalattii to’atanii turaniif ta’uusaa jirattoonni maqaan isaanii akka ifa hin taane gaafatan lama AStti himaniiru.

“Loltooni isaanii [WBO] ganama naannoo sa’aatii 12:30 tti karaa Lixaatiin magaalattii [Naqamtee] seenanii, mana sirreessaa ganda 05 keessatti argamuu cabsuun hidhamtoota gadi lakkisaniiru. Akkasumas, kaampii humna addaa Oromiyaa [Godambaa] Kumsaa Morodaa keessatti argamu dhuunfachuun meeshaa waraanaa saamaniiru. Humni waraana mootummaa magaalattii keessa iddoo adda addaa qubatee jirus haleellaa eegale. Hamma guyyaa sa’aaatii 6:00 boodaatti waraanni cimaan godhamee ture,” jedhe jiraataan jalqabaa.

Waraana sa’aatii dheeraa booda waaree booda waraanni mootummaa magaalattii to’achuu danda’eera.

Dhukaasa loltoota garee lamaanii giduutti godhameen lammiileen nagaa ajjeefamuu jiraataan kuni ibseera.

“Sababa manaa bahuun hin danda’aminiif namoonni meeqa akka du’an himuun hin danda’u. Namoonni lama du’uu garuu hiriyoota kiyyarraa bilbilaan adda baaseera. Humni mootummaa haleellaa qilleensarraa gochaa waan turaniif namoonni biroos kan ajjeefaman ni jiraatu jedheen yaada,” jedhe dabalee jiraataan kuni.

Humnoonni mootummaa erga magaalattii dhuunfatanii booda namoota loltoota WBO wajjiin turan jedhanii shakkan mana manaa adamsaa turuus jiraataan kuni eereera.

“Humnoonni mootummaa jiraattoota mana mana dhaqanii adamsaa turan. Jiraattoota WBO wajjiin mul’atan jedhanirraatti tarkaanfii fudhachaa turan. Shakkamtoota tokko tokkoos ajjessaniiru,” kan jedhe jiraaataadhuma kana.

Jiraataan magaalattii biraas daldaaltoota gabaa xixxiqqoo qofti hojii eegalaa haa jiraatan malee

waraanni cimaan guyyaa Dilbataa erga taasifamee asitti sochiileen adda addaa kan akka, daldalaa fi tajaajiloonni ummataa biroos hammaa kan daangeefaman ta’uu mirkaneesseera. Akkasumas humnoonni mootummaa namoota WBO wajjiin hidhata qabu jedhanii shakkan adamsaa jiraachuu himeera.

Sadaasa 2021 paarlaamaa Itoophiyaatiin akka garee shororkeessaatti kan labsame Waraanni Bilisummaa Oromoo aanga’oonni mootummaa “Shanee” jechuun waaman, erga bara 2018 ifatti humnoota mootummaa waliin lolatti jira.

Erga torbanoota darbanii as garuu Lolli godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti adeemaa jiru cimee, haleellaa qilleeensarraa mootummaan raawwatuun lammileen nagaa ajjeefamaa jiraachuu gabaasonni tokko tokko ni mul’isu.

Jiraataan Wallaggaa Lixaa magaala Biilaa Associated Presstti akka himeetti haleellaa qilleensarraa torbee darbe gaafa Sadaasa 02 raawwatameen reeffi namoota hedduu hurufatti kufee arguusaa dubbateera. Haleellaa kanaan barataa/ttuu kutaa 11 tokko dabalatee namoonni 60 ol ajjeefamuu BBC Afaan Oromoos gabaasee ture.

Haleellaa qilleensarraa biraatiin Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii ganda Ofuu Bakkeetti gaafa Onkoloolessa 23 raawwatameen xiqqaatu lammileen nagaa 68 ol kan ajjeefaman ta’uu AS gabaasee ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e, kan federaalaa waa’ee lola tibbana jabaatee jiruufi himannaawwan ajjeechaa namoota nagaa ilaalchisee wanti jedhan hin jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lama lakkoofsiseefi miidhaa hedduus dhaqqabsiise dhaabuuf mootummaan Itoophiyaa torbaan darbe keessa waliigaltee waraana dhaabuu loltoota ABUT wajiin mallatteessee ture. Paartiin mormituu guddichi, Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) mootummaan Itoophiyaa nageenya buusuu yoo barbaade WBO wajjiinis haaluma wal-fakkaatuun waliigaltee waraana dhaabuu gochuu qaba jedheera.

“… waraana dhaabuun rakkoo Oromiyaa fi naannoole biyyattii biroo keessa jiran karaa nagaatiin furuuf akka socho’uu mootummaa Itoophiyaa ni gaafaanna. KFOn paartiillee siyaaassa biyyattii keessa jiran, ummata Itoophiyaa, hawaasa idil-addunyaa fi naannoolee biyyaatti biroos mootummaarratti dhibbaa akka godhan ni gaafata”. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.