Oduu: Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa nyaataa fi qorichi “hatattamaan” Tigraayiif akka qaqqabu gaafate

Finfinnee Onkololeessa 10/2022 – Yeroo mootummaan Itoophiyaaa fi humnoonni Tigraay wali galtee waraana dhaabuu mallatteessanitti naannoon Tigraay gargaarsa namoomaa hatattamaa garmalee kan barbaadu waan ta’eef nyaataa fi qorichi naannichaaf akka raabsamu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gaafate.

Waraanni mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggaa lamaaf naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti deemaa turee gaaga’ama namoomaa guddaa qaqqabsiiseera.

Hogganaan WHO Dr Teedroos Adhaanoom, waliigalteen waraana dhaabuu paartiilee lamaaniin erga mallattaa’ee torban kan darbe ta’us gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay qaqqabe garuu hin jiru jedheera.

“Dhukkuboota wal’aanamuu danda’aniin namoonni hedduu du’aa jiru. Namoonni heddduus beelaan dhumaa jiru,” jedhe Teedroos.

Erga waliigaltee waraana dhaabuurra gahamee booda gargaarsi namoomaa battalumatti naannoo Tigraay gaha yaada jedhu kan qabu ta’us homaa kan hin ergamiin ta’uu Teedroos dubachuu AFPn gabaaseera.

Itti dabalee tajaajiloonni akka baankii fi telekoom akka banaman gaafachuun gaazexeessitoonnis naannicha akka seenan eeyyamamuu qaba jedheera.

“Carraan gargaarsa tamsaasuu akkuma argameen gargaarsa namoomaa raabsuuf qophoofnee eega jirra,” jedhe dhaabbatichatti hogganaa gargaarsa hatattamaa Mikaa’eel Raayaan.

Mootummaan Itoophiyaa fi anga’oonni Tigraay erga walitti aansuun guyyaa sagaliif mari’atanii booda Sadaasa 02 waliigaltee waraana dhaabuu Afrikaa Kibbaa magaala Piriitooriyaatti mallattessanii ture.

Ibsa waloon baasaniin humnooti Tigraay meeshaa waraana gurguddoo akka hiikkatan, mootummaan federaalaa ammoo gargaarsa namoomaa hatattamaan akka qaqqabsiisu gochuuf waliigaluu eeranii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.