Oduu: Mariin nagaa Itoophiyaa Gamtaa Afrikaan dursamu irratti waliigaaltee lola dhaabuurra gahame

Finfinnee, Sadaasa 02, 2022: Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa Oluseeguun Obasaanjoo, wal-waraansa humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa jidduutti waggaa lamaaf adeemaa jirutti xumura gochuuf, marii nagaa Gamtaa Afriikaan durfamee Afriikaa Kibbaatti taa’amaa tureen waliigaltee lola dhaabuurra gahamuu himan.

Bakka buutonni qaamolee lamaanii Onkoloolessa 25 irraa eegalee marii cufaa haalaan iccitaawaa ta’erra kan turan yoo ta’u, itti bahiinsa marichaa ilaalchisee ibsi ifatti yoo kennamu kun kan jalqabaati. Marichi jalqaba Onkoloolessa 30 xumurama jedhamee turus hanga har’a Roobiitti itti fufee ture.

Marii nagaa Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo, pireezidaantiin duraanii Keeniyaa, Uhuuruu Keniyaataa fi pireezidaantii itti aantuun duraanii Afrikaa Kibbaa DR. Fuumzillee Mlaamboo Nguukaa dhaan hogganaa turan kanarraa waliigalteen lola dhaabuu ni eegama ture.

Odeeffannoon guutuu waa’ee gabaasicha amma dura sichi kan bahu ta’ullee, waamicha Onkoloolessa 15 taasiseen dura taa’aan komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Mahamaat, marii nagaa kanaan haal-duree tokko malee waliigaltee lola dhaabuurra akka gahamu, dabalataanis tajaajilli gargaarsa namoomaa irra deebiin akka eegalu gaafatee ture.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa ishee Maayik Haamar Afrikaa Kibbaatti argamuun marii kanarratti hirmaachaa kan jiru Ameerikaanis itti bahiinsi marii kanaa waliigaltee lola dhaabuu, lammiilee Itoophiyaa rakkoo keessa jiran maraaf gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuu, tarkaanfii lammiilee nagaa tiksuu fudhachuu fi loltoonni Eertiraa Kaaba Itoophiyaa keessaa akka bahan waliigalteerra akka gahamu cimsitee hubachiisaa turte.

Dhimma waliigaltee kanaa irratti gama mootummaa federaalaa Itoophiyaanis ta’e, gama humnoota Tigraayiin amma dura wanti ibsame hin jiru.

Haata’u malee MM Abiy Ahimad turtii guyyoota dura CGTN wajjiin taasiseen mootummaan federaalaa “seera biyyaatti akka kabajan, heeraaf akka abboomamanii fi naannoolee Itoophiyaa keessaa akka tokkootti akka of ilaalaniif ABUT amansiisuuf yaalaa jira” jedhee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.