Oduu: Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa mariin nageenyaa Itoophiyhaa “gara waraana dhaabu fi karaa gargaarsa namoomaa saaquutti” akka geessuu abdii qabu ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 28/2022- Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa  Moosa Faaki Mahaammat mariin nageenyaa Itoophiyaa Gamtaa Afrikaan hogganamee Afrikaa Kibbaatti  bakka bu’oota mootummaa Federaala fi aanga’oota Tigraay gidduutti gaggeeffamaa jiru “Gara waraana dhaabu fi namoota miidhaman gargaaruf karaa gargaarsa namoomaa saaquutti” akka geessu abdii qabu ibse. 

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa kana kan dubbate walgahii Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken waliin Kanaadaa magaalaa Ottawwatti gaggeessan irratti. Dhimma Itoophiyaan alattis walgahii Ameerikaa- Afrikaa Mudde 13-2022 magaalaa Waashingteenitti gaggeeffamuuf karoorfame irrattis mari’ataniiru. 

“Guyyaa lamaan dura maarii nageenyaa Itoophiyaa Afrikaa Kibbatti gaggeeffamu eegalchiisen ture. Kanaafis carraqqii Ameerikaan milkaa’ina marii kanaaf taasifteef galateeffachuun barbaada. Mariin kunis gara waraana dhaabu fi namoota miidhaman gargaaruf karaa gargaarsa namoomaa saaquutti” akka geessu abdii qaba” jedha gabaasni walgahichaa. 

Biliinken gama isaatiin walgahiin dura taa’aa Gamtaa Afrikaa waliin taasifame kun “yeroo barbaachisaa ta’etti Gamtaan Afrikaa waraana fi walitti bu’insa kaaba Itoophiyaa keessatti uumame xumuruuf yaaluun gahee hoggansa taphachaa jirutti.” itti dabaluudhaanis “waa’ee carraaqqii waloo sana gochuuf goonu” Dura Taa’aa irraa dhaga’uuf akka eege dubbateera.

Mariin gaggeeffamaa jiru kun Kibxata Onkoloolessa 25 eegalee Dilbata Onkoloolessa 30 xumuramuuf karoorfame , akka dubbi himaan pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa Viinsent Maagwenyaan jedhetti.

Mariin kun, erga dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Onkoloolessa 15, naannoo Tigraay keessatti “dhukaasa hatattamaan, haalduree tokko malee dhaabuu fi tajaajilli gargaarsa namoomaa deebi’ee akka eegaluuf” waamicha dhiyeessan hordofuun humna guddaa argetee jira.

Biliinken torban kana ibsa kennaniin “waraana hatattamaan dhaabuu” akka “dhimma isa  jalqabaa” ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, “jilli kun gargaarsa namoomaa namoota rakkatan hundaaf gufuu tokko malee akka geessan, tarkaanfiiwwan lammiilee nagaa eeguuf, Eertiraan kaaba Itoophiyaa keessaa ba’uu irratti akka waliigalan” waamicha dhiyeessaniiru.

Marii kanaaf haala mijeessaa kan jiran bakka bu’aa olaanaa gaanfa Afrikaa Gamtaa Afrikaa kan ta’an Olusegun Obasanjo, pirezdaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keniyaatta fi itti aanaa pirezidaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Dr. Phumzile Mlambo-Ngcuka ta’uun ibsameera.

Akka Gamtaan Afrikaa jedhutti bakka bu’oonni IGAD, UN fi US marii kanarratti akka taajjabdootaatti hirmaachaa jiru.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.