Finfinnee, Onkoloolessa 28/2022 – Dhaabbata Godaanda Idil-addunyaa (IOM) gabaasa haaraa dhimma buqqaatii biyyooleessaa Itoophiyaa irratti baaseen qorannoo iddoowwan buqqaatotni jiranitti dhaquun taasiseen marsaa kanaan (Waxabajjii – Adoolessa 2022) Itoophiyaa keessatti buqqaatotni biyya keessaa (IDPs) 2,716,121 akka argaman adda baasuu beeksise. Kunis kan marsaa darbe (Bitootessa – Ebla 2022) 2,759,739 ture irraa dhibbeentaa 1.58 hir’ina agarsiisu ibsameera. Isaan keessaa 1,810,765 (66.7%) sababa walitti bu’iinsaan kan buqqa’an yoo ta’u, 533,923 (19.7%) ammoo sababa hongeen kan buqqa’an ta’uu ibsameera.
Qorannoon marsaa ammaa kun iddoowwan buqqaatotni itti argaman 2,120 naannolee 11 keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, iddoowwan 430 sababa nageenyaa fi daandiitiin deemanii ilaaluun akka hin danda’amne ibsameera. Naannoo Oromiyaatti iddoowwan 520 keessatti maatii 124,212 buqqaatota 662,677 of keessaa qaban adda baafamaniiru. Marsaa darbe (Bitootessa – Ebla 2022) irraa eegalee naannichatti buqqaatota 91,526 hir’achuu isaanii ibsameera.
Sababni hir’ina kanaa tokko “gareewwan hidhattoota hin beekamne” Lixaa fi Qeellam Wallagaa keessatti argamuun isaanii iddoowwan 130 kanaan dura uwwifaman keessatti qaqqabummaa hojii akka malee waan dhiphiseefi kan jedhe gabaasni dhaabbatichaa kun, iddoowwan biroo 85 godina Gujii fi Gujii Lixaa keessa jiran sababa “gareewwan hidhattoota hin beekamne” jiraachuu isaaniitiin uwwifamuu kan hin dandeenye akka ta’ee fi iddoowwan shan godina Arsii keessa jiran ammoo nageenya dhabuu cimee irraa kan ka’e ifatti beekamuu dhabuu isaaniitiin waliigala buqqa’iinsa naannoo Oromiyaa, keessattuu kan waldhabdee waliin walqabatu, kan amma beekame caala ol’aanaa ta’uu akka malu ibse.
Godina Baalee Bahaa rooba xiqqaa argachuu isaatiin warreen haala kanaan dura tureen buqqa’anii turan gara godinichaatti akka debi’an taasisuun marsaa kanas lakkoofsi buqqaatotaa akka hir’atu gumaacheera. Marsaa kana keessatti lakkoofsi buqqaatota naannicha keessatti sababa hongeen buqqa’an marsaa kanaan duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 27.85% gadi bu’eera. Lakkoofsi buqqaatota hongeen walqabatee buqqa’uu gabaasan gadi bu’us, hir’inni kun haalli hongee naannicha keessa jiru fooyya’aa dhufuu isaa kan agarsiisu miti. Fakkeenyaaf godina Gujii Lixaa keessatti buqqaatonni 47% ta’an hongee akka sababa ijoo buqqa’iinsatti gabaasan. Godina Arsii Lixaa keessatti ammoo odeeffattoonni ijoo buqqaatii sababa hongeen uumamu gabaasuu baataniis yaaddoo hamaa qaqqabummaa nyaataa hongee waliin walqabatee jiraachuu malu gabaasaniiru.
Godina Booranaa keessatti kan marsaa darbee (buqqaatota 3,385) dachaa ol dabaluun marsaa kanaan buqqaatoonni 7,050 sababa hongeen buqqa’uu kan gabaafame yoo ta’an, godina Gujii keessatti ammoo saffisi buqqaatotni hongee irraa kan ka’e buqqa’uu gabaasaa turan waliin walbira qabamee yoo ilaalamu marsaa duraarra 0.36% dabaleera.
Naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsi buqqaatota 403,076 (60.83%) ta’aniif sababa jalqabaa ta’eera. Buqqaatotni 138,701 (20.93%) sababa biraan buqqa’an. sababa gogiinsatiin buqqaatotni 117,326 (17.7%) sababa hongeen, buqqa’an 1,635 (0.25%) sababa lolaa yerootiin, buqqaatota 1,015 (0.15%) sababa sigiga lafaatiin fi buqqaatota 924 ( 0.14%) ammoo sababa lolaa waqtiitiin kan buqqa’an ta’uu ibsameera.
Buqqaatota keessaa kanneen 41.8% ta’an irra caalaan godina Gujii Lixaa, Gujii fi Wallagaa Bahaa keessa jiran yeroo waggaa tokko hin guunne keessa qe’ee isaanii irraa buqqa’an. Kanneen 30.3% ta’an ammoo waggoota shan keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’an. Isaan keessaa buqqaatota 18,664 waggoota 10 fi isaa oliif qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Buqqaatota hafan 27.9% waggaa 1 hanga 4 gidduutti qe’ee isaanii irraa kan buqqa’an ta’uu gabaasni Dhaabbata Godaansa Idil addunyaa kun mul’isa. AS