Oduu: Naannoo Oromiyaatti baatilee sadan darban keessa namootni kuma 131 ol dhukkuba busaan qabaman; lubbuun namoota 37 darbeera: Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Suuraa: VOA

Finfinnee, Onkoloolessa 29/2022 – Naannoo Oromiyaa keessatti lakkoofsa namoota dhukkuba busaan qabaman waggootaaf gadi aanaa ture baatii Amajjii 2022 irraa eegalee dabaluun godinaalee, aanaalee fi magaalota Naannoo Oromiyaa adda addaa keessatti babal’achuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise. Hogganaa Itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Abarraa Bootoree yaada VOAf kenneen yeroo ammaan kana weerarri dhukkuba Busaa godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti babal’achuu hime. 

Akka naannoo Oromiyaatti ji’oota sadan darban gidduutti qorannoo gaggeeffameen namoonni kuma 131 ol ta’an dhukkubni busaatiin qabamuu fi lubbuun namoota 37 darbuu hime. “Dhibeen Busaa kun godinaalee 12 fi aanaalee 168 keessatti bifa weeraraatin ka’eera. Ji’oottan sadan darban keessatti namoota mallattoo dhibee Busaa agarsiisan gara 629,000 ta’aniif qorannoon gaggeeffamee isaan keessaa 131,511 (21%) dhibee kun keessatti argameera. Kurmaana tokkoffaa bara darbe waliin walbira qabame yoo ilaalamu namoota ji’a wafakkaataa keessatti dhibee kanaan qabaman kuma 45 hin caallee irraa hagana dabale jechuudha. Akka naannoo keenyaatti ji’oota sadan darban gidduutti namoonni 37 dhukkuba busaan du’aniiru,” jedhe. 

Akkasumas waggoota darban keessa lakkoofsi namoota dhukkuba Busaan qabaman baay’ee gadi aanaa waan tureef qaamoleen mootummaa fi dameen fayyaa ittisa vaayirasichaaf qophii gahaa gochuu dhabu, dagannoon hawaasaa fi eegumsa qulqullina naannoo magaalota keessa hanqachuu, boollawwanii fi qotiisa hojii misooma adda addaatiif taasifaman sirnaan eegamuu hanqachuu fi bishaan kuufamuu, sochiin sababa hongeetiin bakka tokko irraa gara bakka biraatti taasifamu sababaalee tatamsa’ina weerara dhukkuba Busaa dabalan keessa muraasa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera. 

“Naannoo Matahaaraatti Bookeen kanaan dura mul’atte hin beekne kan qoricha farra bookee busaa dandamachuu dandeessu mul’ateetti. Matahaaraa irraa kaasee naannoo Baatuu fi Shaashamanneetti jirti. Kana malees keemikaala farra bookee busaa kanaan dura manaa manatti biifamaa ture amma akka barbaadameetti dhiyaachuu dhabuunis sababa biraadha,” jedhe Abarraan. 

Itti aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Abarraa, biirichi yeroo ammaa kana dhukkuba busaa akka weeraraatti ka’eef xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa jiraachuu hime. “Ogeessotni fayyaa keenyaa buufataalee fayyaatti argaman hawaasatti gadi bu’uun nama ho’ina qaamaa agarsiise hunda qorachaa jiru. Ji’a sadan kana keessatti namootni kuma 629 sun gara buufata fayyaatti dhufuun qorataman. Amma garuu ogeessotni fayyaa achumatti qoratanii yaalii kennuuf, yoo humnaa ol ta’e yaalii adda barbaadu gara buufata fayyaatti ergu. Dhiyeessiin qorichaas qaqqabsiifamaa jira,” jedhe.

Kana malees, Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun dhukkubicha ittisuuf akka hojjechaa jiru ibseera. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.