Oduu: Lammiileen miliyoona 1.5 Oromiyaarraa, walakkaa miliyoonaa ta’an naannoo Tigraay, Affaarii, Amaaraatii sababa hongee, waraanaatiiin buqqa’an

Lammiilee nagaa naannoo Tigraay buqqa’an

Finfinnee, Onkoloolessa 31/2022–  Sababa waraana kaaba Itoophiyaatti ji’a Hagayyaatii eegalee deemaa jiruun lammiilee nagaa walakkaa miliyoonaa ta’an naannoolee Tigraay, Affaarii fi Amaaraatii kan buqqa’an yoo ta’u namoonni miliyoona 1.5 ta’animmoo sababoota hongee fi walitti bu’insa garee hidhataniitin godhamuun naannoo Oromiyaatii kan buqqa’an ta’uu gabaasni mootummoota gamtoomaniitti dameen gargaarsa hatattamaa daa’immanii (UNICEF) addeessseera.

Akka Gabaasni UNICEF jedhetti, walumaagalatti lammiileen Itoophiyaa miliyoona 29.7 ta’an gargaarsa namoomaa kan barbaadan yoo ta’u isaan keessaa miliyoonni 12.5 kan ta’an daa’imman ta’uu ibseera.

Akkasumas, lammiileen miliyoona 1.6 ta’an naannoo Oromiyaa keessa jiraatan gargaarsa bishaan dhugaatii hatattamaa kan barbaadan ta’uus gabaasichi eereera.

Sababoota “haleellaa qilleensarraa kallattii hedduun ji’a Hagayyaatii eegalee akka haaraatti itti fufiinsaan godhameen namoonni 210,000 naannoo Tigraayii buqqa’aniiru.”

Fulbaanarraa eegalee lammiileen naannoo Affaarii fi Tigraayiin wal daangeessan 163,709 ta’anii fi 200,000 ta’animmoo naannoo Amaaraa Walloo fi Waaghimraatii buqqa’uu gabaasichi eere.

Gabaasni Onkolooleessa 29, 2022 bahe kun “sababoota rakkoo tasgabbii fi to’annoo sochiirratti kaa’ameen tamsaasni gargaarsa namoomaa naannoolee sadeen keessatti danqameera” jedha.

“Naannoo Tigraay keessatti dubartoonni ulfaa fi harma hoosisan  ji’oota Fulbaanaa fi Onkolooleessa giddduutti tajaajila buufata fayyaa argatan harka 84n gadi bu’uusaa” gabaasichi kaa’eera.

Akka gabaasichaatti, manneen barnootaa 625 ta’an naannooo Amaaraa goodinoota Walloo Kaabaa, kaabaa fi lixa Gondar fi Waaghimraa keessa jiran waan cuufamaniif barattoonni 500,00 ta’an barnoota malee turaniiru.

Kana malees rakkinni kuni jiruttti  dubartootaa fi daa’imman 23, 062 naannoolee Amaaraa fi Affaar keessa jiraniif tajaajila eegumsa fayyaa bu’uuraa kennaa turuusaas UNICEF ibseera.

UNICEF gabaasa kana kan baase yeroo hawaasni idil-addunyaa waamicha waraana dhaabuu fi gargaarsa namoomaa itti fufsiisuuf taasisaa jiran dabalaa dhufeeni.

Bakka bu’oonni mootummaa Itoophiya fi aanga’oonni naannoo Tigraay marii karaa nagaatiin waraana dhaabuuf Afrikaa Kibbaatti taasifamaa jiruttii hirmaaachaa jiru. Marii nageenyaa kunis har’a ni goolabama jedhamee eegama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.