Oduu: Dubartoonni fi daa’imman sababa weerara Covid, hongee, waraanaa, walitti bu’iinsaan dhiittaa mirga namoomaa adda addaatiif saaxilamaniiru: KMNI

Finfinnee, Sadaasa 01/2022 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) weerara Covid-19 dabalatee balaawwan nam-tolchee fi uumamaa, hongee fi walitti bu’iinsa Itoophiyaa keessatti mudateen dubartoonni fi daa’imman sarbama mirga bu’uuraa cimaaf saaxilamaniiru jedhe.

Gabaasni haaraan dhaabbanni mirgoota namoomaa kun baasee haala mirga dubartootaa fi daa’immanii guutuu biyyattii keessatti Fulbaana 2021 hanga Hagayya 2022 jiru ilaaleera. Gabaasni kun akka jedhutti balaan nam-tolchee fi uumamaa, fi kana irraa kan ka’e mootummaa, hawaasa fi maatii irraa eegumsa argachuu dhabuun daa’imman sarbama mirgoota bu’uuraaf saaxilee jira.

Dubartoonnis miidhaa saal-qunnamtii fi loogummaa bilisummaa isaanii daangeessee fi kabaja namummaa isaanii miidheef saaxilamuu ibseera.

KMNI akka jedhetti Kaaba Itoophiyaa bakka waraanni cimaan waggoota lamaaf gaggeeffamaa jirutti, dubartoota fi daa’imman irratti haleellaa bal’aa, haalota tokko tokkoon “akka toftaa waraanatti” raawwatameera jedha.

Dubartoonni fi daa’imman naannoo Somaalee, Affaar, Oromiyaa, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuz, fi naannoo Kibbaa keessatti jiranis sababa walitti bu’iinsa irra deddeebiin uumamuun sarbama mirga bu’uuraaf saaxilamaniiru jedha gabaasni kun. 

Dubartoonni fi daa’imman baay’inaan buqqa’uun, tajaajilli barnootaa fi fayyaa addaan cituu fi deeggarsa namoomaa dhabuun saaxilamummaa sarbama mirgaa isaanii akka dabalu gochuun barnootaa fi fayyaa argachuu isaanii daangessuu isaa gabaasichi dabalee ibseera.

Dubartoonni fi daa’imman, kanneen paarkiiwwan industirii keessatti hojjatan dabalatee, daddabarsa namaa fi hacuuccaa seeraan alaatiif saaxilamaniiru. “Mirga namoomaa daa’immanii fi dubartootaaf eegumsa seeraa gahaa ta’e kennuu keessatti bu’uura seeraa biyyaalessaa keessatti qaawwi adda addaa mul’ateera”, jedha gabaasni kun.

“Bu’uura seeraa yakkaa fi siviilii haqa haala bu’aa qabeessa ta’een kennuuf dandeessisu dhabamuu, qorannoon yakkaa fi himannaa sadarkaa idil-addunyaa dhiyaachuu dhabuun yaaddoowwan ijoo keessaa tokkodha.”

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Komishinara Mirga Dubartootaa fi Daa’immanii, Maskaram Gassix, mootummaan mirga dubartootaa fi daa’immanii haala gaariin eeguuf hojiiwwan hojjachaa jiru akka cimsu gaafateetti.

“Mirgoota namoomaa kabajuu fi eeguun itti gaafatamummaa mootummaa isa guddaa waan ta’eef, eegumsa mirga dubartootaa fi daa’immanii deebisanii cimsuuf mootummaan bu’uuraalee seeraa, dhaabbilee fi hojimaatawwan haqaa akka fooyyeessuu, akkasumas dhaabbilee barnootaa fi fayyaa fi bu’uuraalee misoomaa biroo walitti bu’iinsaan barbadaa’an deebisee akka ijaaruu, fi miidhamtoota deebissee akka dhaabu waamichan dhiyeessa.” AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.