Oduu: Miseensi mana maree naannoo Somaalii Juweeriyaa Mohaammad rasaasa poolisiin “ta’e jedhe” dhukaaseen ajjeefamuu aanga’aan naannichaa mirkaneessan

Aadde Juweeriyaa Mohaammad


Finfinnee Onkoloolessa 27, 2022: Miseensa koree jiddu galeessaa paartii Badhaadhinaafii miseensi mana maree naannoo Somaalii Aadde Juweeriyaa Mohaammad rasaasa poolisiin “ta’e jedhe” dhukaaseen ajjeefamuu Hogganaa itti aanaan Biiroo Nageenyaa naannichaa Obbo Mohaammad Gureey mirkaneessan.

Aadde Juweeriyaa Mohaammad Kibxata Onkoloolessa 25 magaalaa gudditti naannoo Somaalii Jigjigaa, buufata xiyyaaraa Gaaraad Wiilwal keessatti rasaasa poolisiin federaalaa tokko itti dhukaaseen ajjeefaman. Taatee kanaan obboleettii Aadde Juweeriyaa, Ayaan Mohaammad akkasumas miseensa kaabinee naannichaa Obbo Abdiirashaad Mohaammad dabalatee namoonni biroo sadi madaa’uu Obbo Mohaammad Addis Standard tti himaniiru.

Akka Obbo Mohaammad jedhanitti “isa [poolisicha] fi miseensa mana maree [Aadde Juweeriyaa] jidduu wal-dhibdeen tureera. Sanarraa ka’uun poolisichi ofuma isaan tarkaanfii fudhate,” jedhan. 
Miseensi poolisii ajjeechaa kana raawwate to’annoo poolisii naannoo Somaalii jala oolfame qorannoon irratti godhamaa akka jiru Biiroon Komunikeeshinii naannichaa Roobii ibsee ture.

Qorannoon dhimmicharratti godhamu sadarkaa jalqabaarra jira kan jedhan Obbo Mohaammad, ajjeechaan kun “dhimma siyaasaan kan wal-qabatu miti” jedhan.

Roobii Onkoloolessa 26 sirna awwaalchaa Aadde Juweeriyaa irratti naannoo mana jireenyaa ishee ganda 05 fi 06tti namoonni hiriira bahuun hanga haqni ishee mirkanaa’uutti reeffi ishee awwaalamuu hin qabu jechuun mormii dhageessisuu isaanii barsiisaan Yuunivarsiitii Jigjigaa Siiraaj Abdulqaadir Addis Standard tti himeera.

Kana hordofees tarkaanfii humnoonni nageenyaa naannichaa fudhataniin namoonni afur yoo miidhaman, kanneen biroo 10 ammoo hidhamuus Siiraaj dabalee hima. 
Miseensi mana maree naannichaa Asiyaa Abdii fi gaazexeessaan TV Shakaal Ayaanlee tarkaanfii fudhatameen kan miidhaman keessa jiru jedha. Itti dabaluunis falmitoonni mirgoota namoomaa Ibraahiim Abdiqaadir akkasumas Abdii Baruud ammoo kanneen hidhaa buufaman ta’uu dubbata.

Hogganaa itti aanaan Biiroo Nageenyaa naannoo Somaalii Obbo Mohaammad garuu hiriira mormii godhameen wal-qabatee namni miidhames ta’e to’annoo jala oolfame hin jiru jechuun waakkataniiru.

Akka barsiisaa Siiraaj jedhutti har’a [Kamisa] magaalaa Jigjigaa keessa tasgabbiin fooyya’aan jiraatullee “gandoota 05 fi 06 keessa ammallee karaan fi suuqiiwwan cufaman jiru”.

Aadde Juweeriyaa Mohaammad miseensa mana maree naannoo Somaalii akkasumas miseensa koree jiddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa ta’uutti dabalataan hoggantuu dhaabbata gargaarsaa ‘Ogaadeen Weelfeer Sosaayitii’ jedhamuu turte. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.