Oduu: Poolisiin Federalaa nama daldaala qarshii seeraan alaa qarshii biliyoona shan ol ta’uun shakkame tokko too’ate

Finfinnee,Onkoloolessa 27/2022- Poolisiin Feederaalaa Itoophiyaa nama maqaasaa Saamu’eel Aguu’aala Alamuu jedhamu daldaala qarshii seeraan alaarra qarshii Biliyoona shanii ol ta’uun raawwachuun shakke too’annoo jala oolche.

Koomishiniin Poolisiin Federaalaa ibsa Roobii baaseen,  Saamu’eel obboleettisaa Yoodit Aguu’aala Alamuu, namoota biroo  25 yakka kana  keessaa harka qabu jedhe wajjiin qabamuusaanii addeesseera.

Akka ibsichi jedhetti, shakkamtoonni kunneen yakkoota “seeraan ala qarshii daddabarsuu fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) wajjiin ta’uun daldaala qarshii biyya alaarratti hirmaachuun” shakkaman. Shakkamtoonni kunneen birrii 5,248,000,000 waggaa tokko keessatti kan daddabarsan yoo ta’u, Saamu’eeliif Yoodit qofaasaanittimmoo dabtara herregaa maqasaanitiin baankiiwwan adda addaatti banaman 25 keessa birrii miiliyoona 247  dabarsaniiru. 

Saamu’eel maqaa kan ‘Saamii Doolaar’ jedhamuunis beekamu daldaalaa fi jiraataa magaala Finfinnee yoo ta’u yeroo yerootti gara Ameerikaa Kaabaa kan dedeebi’uu ta’uu ibseera. 

Onkol 24, Abiy Ahimad gochaawwan dinagdee miidhanii fi badhadhina biyyattii milkeessuutti gufuu ta’an kan akka meeshaa dhoksuu, daldaala qarshii seraan alaa fi saamicha lafaarratti tarkaanfiin hatattamaa fi murteessaan fudhatamuu qaba jedheera.

Jalqaba ji’a kanaarratti, Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa  herreega baankii 391 seeraan ala qarshii daddabarsuun yakkamanii cufuusaa ibsee ture.

Dinadgeen Itoophiyaa hir’ina sharafa alaa fi qaala’iinsa meeshaatiin raafamaa jira. Kanaan wal qabatee, mootumman Itoophiyaa gosoota meeshaalee alaa galan 38 irra dhorkaa kaa’eera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.