Oduu: Naannoleen Hongeen Miidhaman Oomisha gadi bu’aa akka argatan tilmaamame

Finfinnee, Onkoloolessa 27/2022- Naannoleen Hongeen Miidhaman Oomisha gadi bu’aa akka argatan tilmaamame. Akka gabaasni dhaabbata nyaataa fi qonnaa ibsutti naannoleen hongeen miidhaman oomisha midhaanii, boqqolloo,mishingaa fi qamadii baay’ee akka gadi bu’utu eegama. 

Roobni birraa Onkoloolessaa hanga Muddee bara kanaa giddu galeessaa gadi akka  ta’u raagame. Raagni kun yoo dhugoome naannoleen hongeen miidhamaan waqtii roobaa shan walitti aanuuf rooba dhabu. Kunis beeyladoota hedduu miidhun hanqina nyaataa dabalaa jedha dhaabbatni nyaata fi qonnaa.  Roobni birraa  haala gaariin yoo eegale, yeroo gabaabaa keessatti bishaanii, margi dheedichaa fi biqiltootaa dandamachuun qaamni beeyladaa ni fooyya’a kunis maatii horsiisee bultootaaf gaarii ta’a.

Haa ta’u malee hanqinni bishaanii,margaa fi biqilootaa naannoolee hongeen miidhamanii waqtii gannaa sababa rooba xiqqaatiin kan itti fufe ta’uu kan eere gabaasni kun haalli kun naannoo Oromiyaa godinalee Arsi, Arsi Lixaa, Harargee Bahaa Harargee Lixaa , Gujii, Gujii Lixaa, Baale fi Baale Bahaa keessatti mul’achu ibse. Raagni waqtii rooba birraa xinnaa ta’uu isaa yoo ilaalame, Hongeen naannoolee hedduu irratti dhiibbaa geessisuu itti fufa jedhamee eegama. 

Kana malees bifa weeraraatiin ta’uu baatus dhukkubni beeyladaa gabaafamuu eera gabasichi. Dhibeen beeyladaa dhukkubni re’ee fi hoolaa bulchiinsaa godinaalee Arsii, Baalee, Baalee Bahaa, Booranaa, Harargee Bahaa,Gujii fi Gujii Lixaa keessatti gabaafameera.

Gatii beeyladaa fi midhaanii kan walbira qabee ilaale gabaasni kun maatiin horsiisee bultootaa midhaan bittaan argachuun itti ulfaachaa dhufuu eera. Sababni isaas beeyladootni hongeen miidhamanii qaamni isaanii waan hir’isuuf gatii guddaa hin argatan. Maatiin nama jaha qabu hoolaa yookan re’ee tokko gurguruun midhaan torban lamaa hanga ji’aa qofa gahu bituu danda’u. Haalli kun aanaalee Oromiyaa 12; Zuwaay Dugdaa fi Dodotaa Arsii; Mooyyalee (OR), Dirree, Dhaas, Dubulluk fi Areero Booranaa; Midhagaa Tolaa Haraghe Bahaa; Burqaa Dhintuu fi Gooba Korichaa Haraghe Lixaa; akkasumas Shala Arsii Lixaa keessatti muudachuu ibsa gabaasni dhaabbata nyaata fi qonnaa. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.